Qaaccessa Wantoota Ogummaa Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Irratti Dhiibbaa Geesisan: Haala Mana Barumsaa Biiftuu Aayiraa Kutaa 10FFAA

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoo guddaan qorannoon kun adeemsifameef,xiinxala taatewwan dandeettii barreessuu barattoota irratti dhiibbaa geesisan qaaccessuudha.Qorannoon geggeeffame kunis,Godina Wallagga Lixaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biiftuu Aayiraa.Akkasumas,qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi hammamtaan adeemsifamee jira.Kana malees,qorannoo kana keessatti barattoonni 96 dareewwan hunda keessaa mala iddattoo carraatiin filatamanii raga akka kennan taasifamee jira.Dabalataanis,barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 10ffaa barsiisan lama qofa waan ta’aniif ,lamaan isaaniiyyuu fudhatamanii raga akka kennan godhamee jira.Akkasumas,qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka bargaaffii,afgaaffii,kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10ffaafi qormaata barreessuu irratti hundaa’e fayyadamuun ragaaleen funaanamanii jiru.Ragaaleen funaanamanis,mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru.Barattoonni baay’een adeemsa barreessuu keessatti qubeessuufi qubguddeessa,sirna tuqaalee,jechoota filachuun barreessuu,mathimaafi anthima walsimsiisanii barreessuu irratti ga’umsi isaanii gadi bu’aa ta’uun isaa hubatameera.Kana malees,adeemsi barsiisonni dandeettii barreessuu barattootaa fooyyessuuf fayyadamaniifi duubdeebii barreeffama barattootaa irratti kennan gahaa ta’uu isaati.Akkasumas,akkaataan gilgaalonni dandeettii barreessuu kitaaba Afaan Oromoo kutaa 10ffaa keessatti gochaaleen shaakalchiisan itti qopha’an hanqina kan qabu ta’uunsaa bira ga’ameera.Barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan shaakala barreessuu barattoonni taasisan irratti duubdeebii jajjabeessaa ta’e,kan akka gaariidha,jabaadhu,kana caalmaa fooyyessuu yaali jechuudhaan taatewwan dandeettii barreessuu irratti dhiibbaa fidan gadi xiqqeessuuf osoo hojiirra oolchanii gaariidha.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation