Xiinxala Fayyadama Hiika Masoo Godina Arsii Aanaa Suudee

dc.contributor.advisorAlammaayyootiif, Amaanueel (PhD)
dc.contributor.authorHuseen, Sulxaan
dc.date.accessioned2018-07-20T09:26:59Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:13Z
dc.date.available2018-07-20T09:26:59Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:13Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa, fayyadama Hiika Masoo Godina Arsii Aanaa Suudee qaaccessuuudha. Qorannoo kana gaggeessuuf wanti qorataa kakaase fayyadama hiika masoo ilaalchisee hanga ammaa wanti qoratamee waan jiru hinfakkatu. Akkasumas, qorannoowwan kanaan dura fayyadama afaanii irratti hojjataman fayyadama afaanii ibsuu malee, fayyadama hiika masoo tuqanii hinjiran. Kanaaf, qorannoon kunis qaawwa kana duucha. Kunis, haala fayyadamafi faayidaan hiika masoo hawaasa biratti maal akka fakkaatufi rakkoo fayyadama hiika masootiin walqabatan adda baasuudha. Odeefkennitoonni qorannoo kanaa adda durummaan manguddoota Oromoo Arsii aanaa Suudee jiran keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataa ( Purposive sampling)fi eeruu fayyadamuun filatamanii jiru. Ragaa qorannoo kanaaf oole funaanuufis afgaaffiifi marii garee fayyadameera. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman mala akkamtaattii fayyadamuun qaacceffameera. Dabalataanis, ragaa qaacceffameerratti hundaa’uun hawaasa biratti jechoonni hiika masoo faayidaa akkaa qaban qorannoon kun niakeeka. Dhumarrattis, argannoowwan gurguddoon qorannichaa akka ibsanitti jechoonni hiika masoo irra caalaa fayyadama dubbii afaanii irratti mul’achuu, jechoonni baay’een hiika masoo fayyadamaafi loogaa of keessaa qabaachuu, fayyadama keessatti uunkaa osoo hintaane hiikaaf xiyyeeffannoon kan kennamu ta’uu, jechoonni hiika masoo guutuu waliif ta’an mul’achuu dhabuufi jechoonni hiika masoo gareewwan jechoota Afaan Oromoo kanneen akka maqaa, maqibsii, gochimaafi durduubee of keessaa qabaachusaa kaa’ameera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9551
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectFayyadama Hiika Masooen_US
dc.titleXiinxala Fayyadama Hiika Masoo Godina Arsii Aanaa Suudeeen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Sulxaan Huseen.pdf
Size:
538.57 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: