Xinxaala Haala Raawwii Duudhaalee Amantaa Waaqeffannaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo

dc.contributor.advisorJaalataa, Taaddasaa (PhD)
dc.contributor.authorAlii, Tacaanee
dc.date.accessioned2020-11-16T07:14:49Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:02Z
dc.date.available2020-11-16T07:14:49Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:02Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa xinxaala haala raawwii duudhaalee amantaa waaqeffannaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoorratti kan xiyyeeffateedha, Duudhaaleen amantaa waaqeffanna ateeteefi irreechaa haala raawwii isaa, hirmaattota isaa akkaatasa itti raawwatu maaliif akka raawwatamu, eenyuun akka raawwatamu, maaltu akka raawwatau maaliif kaa raawwatamufi hawaasa biratti maal akka fakkaatu qaacceffameera. Kana malees amnataan waaqeffannaa kun duudhaa hawwsaa gama aadaatiin, gama amantaatiinfi gama siyaataatiin akkamitti akka calaqqisiifamu tarreeffamaniiru. Sadarkaan sirna kabaja duudhaalee amantaa waaqeffannaa ateeteefi irreechaa yeroo ammaa irra jiru ibsamaniiru. Qorataan kun qorannoo kanaas, mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun namoota waa’ee amantaaa waaqefffannaa ateeteefi irreechaa beekaan jedhamanii mala iddatteessuu miti carraa filataman irraa odeeffannoon funaanamuun qaacceeffameera. Qorannoo kana galmaan ga’uuf, tooftaalee funaansa ragaalee kanneen akka, af-gaaffiifi daawwannaa fayyadameera. Odeeffannoowwan funaanamanis akkaataa wal-fakkeenya isaaniitti qindeessuun mata duree itti kennuun qaacceffamuun ibsamaniiru. Odeeffannoowwanaf-gaaffiifi daawwannaan argaman walitti qindeessuun argannoowwan teechifamaniiru. Yaboo qorannoo kanaatin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufi qabu akeekni ijoo ta’e kennameera. Kana irraa kan ka’e qorataan qabxii gara gara irratti qaamni ilaallatu akka hojjatuuf yaboo kaa’ee jira. Qaamni dhimmi ilaallatu akka beekkamtii kennuufi hawaasnis gama isaatiin waan isarraaa eeggamuu qabu akka raawwatu yaanni taa’era . Haala kabaja sirna kanaa akkuma sirnoota kaanii beekkamtiin kennameefi mariin hawaasaa irratti taasifamee fooyya’uu akka qabu waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa Warra Jaarsoo akka irratti hojjachuu qabu qorataan kun yaboo isaa keessatti ibse.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23290
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXinxaala Haala Raawwii Duudhaalee Amantaa Waaqeffannaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsooen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Tacaanee Alii.pdf
Size:
2.97 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: