Qaaccessa Raawwii Sirna Buttaa Qalaa Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa raawwii sirna buttaa qalaa qaaccessudha. Gosti qorannoo kanaa
qorannoo akkamtaa ta’ee mala iddatteessuu akkayyoofi tooftaa funaansa ragaalee kanneen
akka afgaaffii, daawwannaafi marii garee fayyadamee mala ibsaan qaaccesseera.
Bu’uureffannaan yaaxinaa, yaaxina aadaa hawaasaafi faayidaa ta’ee adeemsi raawwii
sirnichaa sadarkaa Foolleetti bokkuu buqqifachuu irraa eegala. Sadarkaa Qondaalaatti
kaadhimmamaa sirna kanaa ta’uurraan kan ka’e seera tumaa caffee irrattii hirmaachuu,
bokkuu dhangifachuufi gara xumura sadarkaa kanaatti ginna ciisu. Ginna ciisanii erga
ka’anii sirna kana bulfachuuf qophiilee garagaraa taasisu. Meeshaalee sirna kana ittiin
gaggeessan keessattuu warreen seera guutan, namoota sirnicha gaggeessuu keessatti gahee
qaban qopheeffachuufi kadhachuu walduraa duubaan gaggeessu. Itti aansuun seera
guutamu kan akka haadha cifiruu raawwachuun yeroo turtiin ji’a tokkoofi torban tokkoo
hafu biqila cabsatu. Afurtama biqila cabsatanitti gurra uratanii dhugoo godhatanii, ukoo
hidhachuun darba eeboo laga bu’anii eebbifatanii galu. Borumtii sirni korma bobbaasii
qaluufi dhaqna qabachuu kan itti raawwatu ta’ee hanga halkan shaniitti abbaan buttaa
ulmaa ciisa. Ulmaa bahanii sirna ballisii adeemsisuun gabaaf yaa’ii eebbisuun oofkaltiin
sirna buttaa qalaa raawwata. Kan itti aanu Abbaan Gadaa aangoo fudhate miseensa isaa
waliin hawaasa gara hojii misoomaatti bobbaasuufi Birraa itti aanutti balbala
ilaalchisadha. Kana booda Abbaan Gadaafi miseensi isaa bara walakkeessa Gadaa
isaaniitti yaa’ii Dhalootaa irratti ciminaafi hanqina jiru ilaaluun seera barbaachisu
baasanii waggaa arfan isaanii hafe bulchanii miseensa Gadaa isaan duuba jiruuf ammoo
aangoo gadhiisu. Adeemsi raawwii sirna kanaas kana kan fakkaatu ta’ee yeroo raawwii
kanaas firiiwwan fookiloorii hedduutu calaqqisu. Qorannoo kanaanis kan bira ga’ame
adeemsi sirna buttaa qaluu akkuma marsaa Gadaa gochaa naanna’ee waltuqu qabaachuu.
Kan lammataa sirni kun ijaarama sirna Gadaa keessatti isa utubaa ta’uun tajaajiluufi
gooroowwan fookiloorii arfanuu sirna kanarratti ni mul’atu. Bu’aan inni akka namtokkeetti
xiinsammuu namaa ulfeessuu keessatti qabuufi akka hawaasaatti bulchiinsa sirna Gadaa
dhugoomsuu keessatti qabu gabaabsanii ibsuun hin danda’amu. Ta’us sirni kun dhiibbaa
jaarraa oliif saba kanarra gaheen yeroo ha’aa kana sadarkaa dhabamaarra jira. Kana
baraaruuf ammoo abbaan sirnichaa uummanni Oromoo inni beekumsa qabu beekumsaan,
kan qabeenya qabu diinagdeen akkasumas gama mootummaafi miti mootummaanis
deeggarsi addaa taasifamee akkaataa sirni guutummaan deebi’ee faayidaaf ooluu
danda’urratti hojjechuutu murteessaa ta’ee argame.