Qaaccessa Unkaafi Qabiyyee Xalayaalee Waajjiraalee Mootummaa: Haala Aanaa Laaloo Assaabiirraa Waajjiraalee Filataman Godina Wallagga Lixaa
No Thumbnail Available
Date
2010-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun Qaaccessa unkaafi qabiyyee xalayaalee waajjiraalee mootummaa Aanaa Laaloo Assaabii Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Innaangoo irratti kan xiyyeeffatuudha. Matadureen qorannoo kun akka qoratamu qoratichaaf kaka’umsa kan ta’e, yeroo baay’ee xalayaalee waajjiraalee mootummaarratti hanqinaalee mul’atan ilaalchisee namoonni komiifi yaada qaban yeroo mul’isantu jira. Akkasumas, leenjii tokko tokkorratti barsiisonni qeeqa qaban yeroo dhiyeessan qorataan kan ofii isaatii keessatti hirmaate argee jira.Egaa tarii sababiin hanqinaalee kunniin unkaafi qabiyyee xalayaan tokko qabaachuu qabu dhabuu irraa maddaa laata, shakkiin jedhu jira.Kun immoo, dhimma qorannoo barbaadu ta’ee argame. Kanaafuu, kaayyoon qorannoon kun qabatee ka’e, unkaafi qabiyyee xalayaalee waajjiraalee mootummaa filataman ja’a keessaa xalayaalee jaatama walitti qabuun xiinxaluudha. Qorannoo kana geggeessuuf malli qoratichi itti gargaarame makaadha. Mala kanaan odeeffannoo funaannatee jira. Meeshaalee odeeffannoon ittiin funaanamanis:sakatta’a dookimentii,bargaaffiifi afgaaffii gargaaramuun ture. Haaluma kanaan, ragaalee xiinxalaman kanarraa argannoon qoratichaa: unkaafi qabiyyee xalayaalee waajjiraalee mootummaa keessa hanqinaaleen jiraachuu qoratichi adda baaseera. Hanqinaaleen unkaafi qabiyyee xalayaalee isaanii keessatti argamanis: hanqina caaslugaa, hanqina seera afaanii eeganii qubeessuu, hanqinaaleen amaloota xalayaa gaariifi hanqinni sirna tuqaaleetti fayyadamuu mul’atee jira. Ka’umsi hanqinaalee unkaafi qabiyyee xalayaalee kunis: hir’ina shaakala taasisuu, hanqina ga’umsaafi hanqina xiyyeeffannoo ittikennuu akka ta’e adda baafameera.Yaaduma kana bu’uureffachuun qoratichi yaada furmaataa kaa’eera. Waajjiraaleen mootummaa wayita xalayaa barreessan unkaafi qabiyyee isaa keessatti wantoota haammatamuu qaban: caasluga, seera eeganii qubeessuu fi sirna tuqaaleerratti xiyyeeffachuun gaarii ta’a.Akkasumas,amaloota xalayaa gaarii xiyyeeffannoo keessa galchuun kan irraa eegamuudha. Hoggantoonni waajjiraalees hanqinaalee mul’atan kanniin furuuf leenjiin hojii duraafi hojiirraa yeroo yeroon ogeessa afaaniin utuu kennamee filatamaadha. Dabalataanis, ga’umsi afaan kana seeraan barreessuu danda’uu ulaagaa waajjiraalee mootummaa keessa utuu jiraatee hanqina kana furuu akka malu qoratichi yaada furmaataa kenneera.