Xiinxala Waldiddaa Asoosama ‘Safuu’

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mata duree xiinxala waldiddaa asoosama Safuu jedhu irratti xiyyeeffata. Ka‟umsi qorannoo kanaa qeeqni asoosama Afaan Orommoo hedduu irratti gama caaculee asoosamaatiin taasifame laafaa ta‟uudha. Haaluma kanaan kaayyoo gooroon qorannoo akkaataa ijaarsa waldiddaa asoosama „Safuu‟ xiinxaluudha. Kaayyoon gooren asosamichaa;asoosama Safuu keessatti waldiddaan gama xiinsammuun haala kamiin akka dhiyaate ibsuu, asoosama Safuu keessatti waldiddaan alaa barreessaan dhimma itti bahe addaan baasuu, waldiddaan asoosama Safuu keessatti argamu qabatama ummata Oromoo agarsiisuu irratti maal akka fakkaatu ibsuufi ija qeeqa ogumaatin waldiddaan asoosamaa Safuu keessatti became ciminaafi hanqina akkamii akka qabu ibsuudha. Malli qorannoon kun ittiin gaggeeffame mala hasbarruu (textual analysis)dha. Haluma kanaan yaada kaayyolee gooree qorannichaa irratti hundaa‟uun xiinxala taasifameen; barreesaan waldiddaa xiinsammuutti gargaareamee asoosama „Safuu‟ barreessutu hubatame. Gosootni waldiddaa alaa; kan namaafi namaa, namaafi hawaasaafi namaafi uumaa/uumamaa taasifame asoosamicha keessatti kan tolfame ta‟uutu hubatame. Akkasumas asoosamni kun qabatama ummata Oromoo haalaan kan agarsiise ta‟uutu hubatame. Ciminni waldiddaan asoosamaa Safuu keessatti became; qabatama ummata Oromoo gama hawaasummaan, dinagdeen, siyaasaa, aadaafi gama amantiin akkaataa barreessaan waldiddaan ijaaree agarsiisuuf yaale baay‟ee hawwataadha. Akka hanqinaatti kan argame, waldiddaan asoosama kana keessatti tolfaman walqabatee hin qaari‟uu ciccitaadha. Kana malees waldiddaan bocamee kan kalaqaa caalaa kan seenatu caala. Haluma kanaan Barreessaan asoosama „Safuus‟ ta‟ee, barreessitoonni asoosamaa ofduraaf waldiddaa xiinsammuutti haalaan dhimma bahanii osoo barreessanii, ijaarsa asoosama tokkoof gosootni waldiddaa alaa (waldiddaan namaafi namaa, namaafi hawaasaa, namaafi uumaa/uumamaa bu‟uura waan ta‟eef, osoo kana xiyyeeffatanii gaaridha, waldiddaa bocan qabatama ummataa karaa agarsiisun osoo tolchanii, waldiddaa kalaqan osoo walqabatee qaari‟ee, akkasumas waldiddaa uuman seenaa gabaasuu qofa osoo hin taane, osoo kalaqanii irra caalatti hawwataa ta‟a kan jedhu, yaboo dhiyaatedha.

Description

Keywords

Safuu

Citation