Xiinxala Walsimannaa Qabiyyee Silabasii, Kitaaba Barataafi Qajeelcha Barsiisaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 9ffaarratti Xiyyeeffachuun
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Xiyyeeffannaan qorannaa kanaa inni guddaan walsimannaa qabiyyee meeshaalee barnoota Afaan Oromoo sadan (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) kutaa 9ffaa bara 2005 maxxanfamee qophaa’e sakatta’uudha. Qorannaan kun mala qorannaa ibsaatti fayyadamuun kan geggeeffameedha. Kunis mala qorannoo akkamtaafi hammamtaarrti kan hundaa’eedha.Qorannaa kana qorattuun yemmuu geggeessittti akaakuu iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu akkayyoo fayyadamuun raawwattee jirti. Kunis meeshaale barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) akkasumas ragaan barsiisota afur irraa walitti qabame xiinxalamee jira.Ragaaleen kunniinis meeshaalee funaansa ragaatiif gargaaran keessaa af-gaaffiifi sakatta’iinsa dookimantii gargaaramuun walitti qabamee jira.Ragaan argame kunis mala akkamtaafi hammamtaatiin xiinxalamee jira.Xiinxala taasifamerraa bu’aan argame akka ibsutti walsimannaan qabiyyee meeshaalee barnoota Afaan Oromoo kanneen irratti hanqinoonn iwalsimannaa jiraachuun hubatamee jira. Hanqinoonni kunis walsimannaa dhabuu qabiyyeewwanii jiraachuu,gaafileen dhiyaataniifi deebiin isaanii walsimannaa dhabuu, kaayyoowwan qabiyyee meeshaalee sadan keessatti darbee darbee walsimannaa dhabuu, wayitiin barnootaa kitaaba barataa keessaa dhabamuufi silabasiifi qajeelcha barsiisaa keessattis walsimatee deemurratti hanqinni jiraacuu, ogummaawwan afaanitiif qixa xiyyeeffannaan kennamuu dhabuufi hanqinni walsimannaa jiraachuu, Dhumarrattis argannoowwan irratti hundaa’uun haala walsimannaa qabiyyee meeshaalee barnootaa kun qabaachuu qabu irratti yaboon qorattuun kaa’ameera.Kunis qaamoleen dhimmi ilaalu, qopheessitoonni meeshaalee sirna barnootaafi qaamoleen barnootarratti hojjatan sadarkaa sadarkaan jiran hanqinoota mul’atan kanneen irradeebi’uun ilaaluun (madaaluun) akka fooyya’iinsi taasifamuufi qabu yaanni furmaataa kennamee jira.