Miidhagina Durdurii Oromoo Keessatti: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Mata duree, “Miidhagina Durdurii Oromoo Keessatti: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabaratitti,” jedhu irratti qorannoo gaggeessuuf dhimmoota sababa ta’an keessaa inni guddaan dagatamaa deemuu durdurii Oromooti. Durduriiwwan afaniin himamaa turan dhaloota har’aatiin hir’aanfatamaa jiru. Durduriin yommuu dagatamaa deemu, miidhaginni isaatis waliin dagatamaa deema. Rakkoo kana furuuf, qoratanii barreeffamaan kaa’uun barbaachisaa waan ta’eef, qorataan mata duree kana filatee qorachuuf fedhiifi kaka’umsa godhatee jira. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa miidhagina durdurii Oromoo keessatti Aanaa Abuunaa Gindabaratitti qorachuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahame. Haaluma kanaan madda ragaa jalqabaatiin (maanguddootaafi dargaggoota irraa) odeeffannoon funanamanii jiru. Akkasumas, madda ragaa 2ffaatiin (kitaabileefi barruulee barreeffamaan jiran) dubbisuun odeeffannoon argaman dhimma itti bahamanii jiru. Mala qorannichaa keessatti gosti iddattoo hojiirra oole iddattoo akkayyoofi darbaa dabarsaati. Tooftaaleen funaansa ragaalee daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee yommuu ta’an, ragaalee sassaabuuf gargaaranii jiru. Kanaaf immoo mala ragaalee galmeessuu: yaadannoo waraqaa irratti qabachuu, suur-sagaleen waraabuufi suuraa kaasuutti fayyadamuun ragaaleen argaman qaacceffamanii jiru. Yaaxxinni qorannoo kanaaf filatame yaaxxina haalawaadha. Sababni yaaxxinni kun filatameef, miidhagina durdurii Oromoo keessatti qorachuuf mijataa waan ta’eefi. Akkaataa odeeffannoo argameetiin durduriin Oromoo akkaataa jalqabbii (baninsa), haala dhiyeenyaa, akkaataa ergaa ittiin dabarsaniifi akkaataa goolabbii (cufinsa) mataa isaa kan qabudha. Haalli jalqabbii (baninsi) isaa, “Durdur…,Dur…, Bara durii…, Bar tokko…, Gaaf tokko…,” jedhamee kan eegaludha. Qooddattoonni gurguddoon durdurii, jalqabarra dhiyaatu. Akkaataan goolabbii (cufinsi) immoo, “Akkasitti…jedhama,” jedhameeti. Goolabbii irratti yeroo tokko tokko ergaa durdurichaa dhimma dubbatamaa jiru wajjin walqabsiisuun ibsuun nijira. Wantoonni miidhagina durdurii Oromootiif gumaachan kanneen akka akkaataa seenessuu/himiinsa(sochii qaamaan deeggaramuu, dandeettii akkeessuufi fakkeessuu, irra deddeebii, sagalee hawwataa qabaachuu, duraa duuba gochaa eeguun seenessuufi dhimma dubbatamaa jiruun walqabsiisuu), hirmaattonni qooda fudhachuu (gaafachuu, deebisuufi miira itti dhagahame calaqqisiisuu), haala dhiyeenya qabiyyeefi akkaataa ergaan ittiin darbu fa’i. Durduriin Oromoo miidhagina isaa eegee dhalootaa dhalootatti akka darbuuf maanguddoon, dargaggoonni, dhaabbileen barnootaafi qo’annoo aadaa uummataa bal’inaan durdurii Oromoo irratti xiyyeeffachuun gahee irraa eegamu bahuun barbaachisaadha.