Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii Asoosama Matadureen Isaa Dukkana Barii Jalaa Keessaa
No Thumbnail Available
Files
Date
2014-02-01
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala akkaataa itti fayyadama afaanii Asoosama Dukkana Barii
Jalaa irratti kan xiyyeeffatudha. Qorannoon kunis gaaffilee bu’uraa kanneen akka, qabiyyee itti
fayyadama afaanii asoosama dukkana barii jalaa keessaa ibsuu, asoosama dukkana barii jalaa
jedhu keessatti itti fayyadamni afaanii akkamii akka mul’atu addeessuudha. Qorannoo kana
galmaan ga’uuf saxaxa akkamtaa giddu galeessa godhachuun kan adeemsifamedha. Malli
iddatteessuu qorannoo kanaaf dhimma itti ba’ame mala iddatteessuu miti carraadha.
Odeeffannoowwan asoosama ‘Dukkana Barii Jalaa’ keessaa fudhataman carraadhaan osoo
hintaane, kaayyoo qorannichaa waliin kan deemanii fi amma argamuu danda’an irratti
hunda’anidha. Maddi ragaa qorannooo kanaa madda ragaa tokkoffaadha. Maddi ragaan
qorannoo kanaaf dhimmaa itti ba’ames, kitaaba asoosamaa dukkana barii jalaa jalqabaa hanga
dhumaatti dubbisuun itti fayyadamai afaanii isaa irratti kan geggeeffamedha. Meeshaan
funaansa ragaalee qorannoo kanaaf dhimma itti ba’e sakatta’a dookimentiidha. Ragaalee
meeshaa kanaan walitti qabamaniin, goolabni dhumarratti kan dhiyaate yammuu ta’u; akka
odeeffannoon qorannoo kanarraa argame ibsutti asoosama ‘Dukkana Barii Jalaa’ jedhu
keessatti rakkooleen gama itti fayyadama jechoota ergisaan, jechoota loogaa fi gama dogoggora
qubeessuun kan mul’atu ta’usaa ibsa. Osoo jechoonni waaltawaan jiruu jechoota loogaa
fayyadamuu fi osoo afaan oromoo keessaa jechi bakka bu’uu danda’u jiruu afaan biraa irraa
ergifachuun kan mul’atudha. Walumaa galatti yaadni furmaata bal’inaan dhumarratti ka’ame,
barreessitoonni ogbarruu barreessuuf fedhii fi kaka’umsa qaban dhimma itti fayyadama afaanii
irratti looga beekamtiin isaa bakka muraasatti ta’ee fi jechoota ergisaa hin barbaachifne osoo
fayyadamuu dhiisanii gaariidha.