Qaaccessa Adeemsaafi Faayidaa Hiibboon Oromoo Ijoolleef Qabu: Haala Qabatama Aanaa Ada’aa

dc.contributor.advisorDassaalany, Dastaa
dc.contributor.authorTasfaayee, Masarat
dc.date.accessioned2018-07-19T09:53:04Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:09Z
dc.date.available2018-07-19T09:53:04Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:09Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractQorannoon kun adeemsaafi faayidaa hiibboon Oromoo ijoolleef qabu qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, adeemsaafi faayidaa hiibboon Oromoo ijoolleedhaaf qabu qaaccessuun ibsuudha. Odeeffannoowwan afgaaffii, bargaaffii daawwannaafi marii gareetiin odeefkennitoota irraa funaanaman walduraa duubaan akkaataa barbaachisummaa isaanitiin karaa al lakkoofasawaa ta'een, jechaan ibsamuun qaacceffamee jira. Kunis, mala qorannoo qoulqulleeffataa gargaaramuun kan raawwatameedha. Faayidaa hiibboon Oromoo ijoolleef qabu adeemsa raawwii hiibbootiin deeggaramee yammuu ilaalamu, heddu ta'uu isaa qorannoo kanaan bira gahamee jira. Kanaanis, qabxiiwwan itti aanan argannoowwan qorannoo kanaati. Hiibboon Oromoo maatii keessatti: maqaalee wantoota gara garaa, lakkoofsa, haala falmii, safuufi aadaa hawaasa keessa jiru adda baafachuun, beekumsa gama kanaan qaban akka cimsataniif heddu gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan hiibboo bu'ureeffachuun addeessanii jiru. Kana malees, hiibboon Oromoo mana barumsaa keessatti: dandeettiwwan afaanii, keessattuu dubbachuufi dhaggeeffachuu daran akka cimsatan taasisuu, dandeettii jechootaa hiikaafi faallaa isaanii waliinifi beekumsa gama caaslugaan qaban dabaluu isaa; akkasumas, hiibboon sammuu ijoollee kallattii gara garaan qaruu, dandeettii waa yaadachuu ijoollee cimsuu keessattiifi yaada haaraa akka isaan burqisiisan taasisuun isaa, odeeffannowwan qorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba'anii jiru. Bifuma walfakkaatuun, adeemsa raawwii hiibboon ittiin taphatamu eeganii, hiibboo taphachuun, ijoollee obsa barsiisuu cinaatti, wantoota adeemsa sana keessatti raawwatamu sana xiiqeeffachuun beekumsa gama kanaan ta'ee gama hiibbootiin qaban daran dabaluu, seera wantoota gara garaa barsiisuu, bashannansiisuun, dhiphinaafi nuffii tokko malee ijoollee beekumsa gara garaa goonfachiisuu, tapha hiibboo keessatti xiiqii walitti qabachuun gaaffilee ciccimoo wal gaafachuun beekumsa isaanii walii gabbisaa akka deemaniif, gargaaruu isaa maanguddoonnifi haadholiin odeeffannoo laatan adeemsicha bu'ureeffachuun ibsanii jiru. Kuni otoo ta'ee jiruu, sababoota gara garaatiin hawaasni hiibbootti fayyadamuu dhiisaa jira. Kanaafis, wanti akka sababaatti odeefkennitoota irraa argame, sababa aanaan Ada'aa magaalaatti dhiyoo ta'eef wantoota bu'aa teeknolojii ta'aniin bakka bu'aa dhufuu isaa himu. Kunis, ijoolleen yeroo isaanii hiibbootti dabarsuu manna, fiilmii ilaaluu, tapha kubbaa hordofuu, reediyoo dhaggeeffachuu, televizyiinii ilaaluufi darbee darbee feesbuukii fayyadamuuf iddoo akka laatan dubbatu. Haata'u malee, wantoota bu'aa teeknoolojii ta'an kanaaf bu'uurri afoola aslii ykn jaarraa heddu lakkoofsise kana ta'uun beekamaadha. Kanaafuu, bu'aawwan teeknoolojii kanaan deeggarame yoo dhimma itti ba'ame immoo, bu'aan isaa kana caalaa safaramuu danda'a waan ta'eef, dhimmicha hubannoo keessa galchuun itti fayyadamuun fala ta'a. Dhumarrattis, dameen afoolaa kun kallattii gara garaatiin faayidaa heddu buusuu osoo danda'uu irraanfatamaa dhufuun, akka hinbadneef qaama dhimmi ilaalu: hawaasni, barsiisotni, barattootni, Waajira Aadaafi Turiizimii hunduu gahee isaanirraa eegamu bahuun afoola jaalatamaafi bashannansiisaa kana kunuunsuun, bu'aa buusuu qabu akka buusu osoo godhanii gaarii ta'a.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9457
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectAdeemsaafi Faayidaa Hiibboon Oromooen_US
dc.titleQaaccessa Adeemsaafi Faayidaa Hiibboon Oromoo Ijoolleef Qabu: Haala Qabatama Aanaa Ada’aaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Masarat Tasfaayee.pdf
Size:
1.77 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: