Hariiroo Namaafi Naannoo:Asoosamoota Danaafi Arraa Gurbaa Keessatti Qaaccessuu
No Thumbnail Available
Date
2020-06
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
AAU
Abstract
Asoosamoonni Afaan Oromootin barreeffamanii ummata bira ga`an hedduu yoo ta`an illee
gama hariiroo namaafi naannoo irratti xiyyeeffachuun qorannoon irratti adeemsifame hin
muul`atu.Kanaaf qorannoon hariiroo namaafi naannoo irratti hundaa`uun kan
gaggeeffameedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon Asoosama gabaabaa ‘Danaa’fi
Asoosama dheeraa ‘Arraa Gurbaa’jedhaman keessatti barreessitoonni Asoosamoota
lamaanii hariiroo namaafi naannootti fayyadamuun haala isaan siyaasa, diinagdee, seenaa,
duudhaafi haala jiruufi jireenya ummata Oromoo ibsuuf yaalan karaa hariiroo namaafi
uumama naannoon xiinxaluudha.Kaayyoo qabate kana bira ga`uuf qoratichis mala sakattaa
yookiin xiinxala barruutti dhimma bahuun ,Asoosamoota lamaan gadi fageenyaan dubbisee
odeeffannoo barbaachisaa funaanee jira.Odeeffannoowwan funaanaman kanas,walitti
dhufeenya namaafi naannoo irratti xiyyeeffachuun kanneen aadaa, duudhaa, siyaasa,
seenaa, bulchiinsa,qaroominaafi falaasama akkasumas haala jiruufi jireenya ummata
Oromoon dhiyaatan xiinxalee jira.Adeemsa xiinxala kana keessatti,dhimmoonni
Asoosamoota filataman keessa jiran haala qabatamaa Addunyaa dhugaa keessatti
mul`ataniin hangam akka wal simatan wal bira qabuun xiinxalamanii jiru.Haaluma kanaan
dhimmoonni hojii kalaqaa tokko keessatti karaa haqummaa of keessaa qabaniin dhiyaachuu
akka qaban yaaxxinni dhugummaa lafa kaa`ee jira.Kunis sakattaa barruu jalatti,bal`inaan
kaa`amee jira.Hariiroo namaafi naannoo kana bu`ureeffachuun ragaaleen Asoosamoota
kanneen keessaa funaanamanis xiinxalamanii jiru.Xiinxala ragaalee taasifaman
kanarraayis, dhimmoonni hojiilee kalaqaa kanneen siyaasaan, bulchiinsaan, aadaan,
seenaan,duudhaafi falaasama ummatni Oromoo keessa tureefi keessa jiru ,karaa
dhugummaa of keessaa qabuun kan dhiyaatan ta`uun isaanii hubatamee jira. Dabalataanis,
rakkoolee ummata Oromoo irra kallattii adda addaan ga`aa turan karaa qabatamaafi
hubatamuu danda`aniin hojiilee kalaqaa xiinxalaman kana keessatti kan dhiyaatan ta`uun
isaanii bira ga`amee jira.Gama biraatin haala xiinxalaa waliigalaa taasifameen
hanqinaaleen hojii kalaqaa kana keessatti muul`ataniifi maalta`iinsa isaanii waliin
dhiyaatanii jiru.Bifuma kanaan yaadoleen ta`insoota gara fuulduraatti,raawwatu
tilmaamsisan osoo haalan jiraatanii,maqaaleen namfakkiilee akka dubbistoonni hundi adda
baafataniif osoo walitti dhiyaachuu baatanii,yaadni dhuunfaa barreessichaa Asoosamicha
keessatti osoo calaqqisuu baatee,akkasuma Asoosamichi loga waltawaa namni hundi
hubachuu danda`aniin osoo fooyya`anii, hojiilee kalaqaa sadarkaa isaanii eeganii
barreefaman ta`uu dand
Description
Keywords
hariiroo namaafi naannoo irratti hundaa`uun kan gaggeeffameedha