Xiinxala Dandeettii Afaan Oromoo Dubbisanii Hubachuu Dhabuu Barattoota Kutaa 9ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Burqaa Noonnoo: Haala Barsiisa Barnoota Afaan Oromoo Sadarkaa 1ffaa Bu’uureffateen

No Thumbnail Available

Date

2021-09

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa barattootni kutaa 9ffaa M/barumsaa sadarkaa 2ffaa Burqaa Noonnoo dubbisa Afaan Oromoo hagam dubbisanii akka hubatan addaan baasuun hanqina jiruufi madda isaa xiinxalee furmaata kennuufdha..Ka‟umsi qorannoo kanaas,„Gumii Dagaagina Aadaafi Afaanii‟ keessatti barattoota sadarkeessuuf dubbisa asoosamni gabaabaan kennameefi gaaffilee dubbisicha keessaa ba‟an akka hojjetaniif isaanii kenname keessaa barattootni harki caalaan isaanii qabxii gadi‟aanaa fiduu isaaniiti. Haaluma kanaan barattootni akkamitti kutaa sagal ga‟anii dubbisa Afaan Oromoo dubbisanii hubachuuf hanqatu isa jedhuuf dirqamuudha.Qorannoo kana geggeessuuf mala qorannoo makaatu hojirra oolee jira. Kana bu‟uura godhachuun meeshaalee odeeffannoo: qormaata, bar-gaaffiifi af-gaaffii fayyadamuun odeeffannoo guurame akka walitti kalaa‟utti qaacceffamee jira. Bu‟aaleen qorannicha irraa argaman akka mul‟isutti, qormaatni barattootaa dhibbentaan guddaa qabxii walakkaa gadi fiduu; gama Bulchiinsa Mana barumsaan, gama barattootaafi barsiisotaan dandeettii kana fooyyessuuf xiyyeeffannaan godhamu akka hin jirre; dubbisni kitaaba barnoota irraa hawwataa ta‟uu dhabuufi isuma‟iyyuu seeraan shaakaluu dhabuu; kitaabni barnoota Afaan Ormoo ga‟aan mana bafumsaa keessaa dabamuu; Afaan Oromoon afaan hiikkachuun qofti akka dandeettii kana nama hin gonfachisne; hanqina hubannaa irra kan ka‟e waan Afaan Ormoo dubbataniif dandeettii kanas nan danda‟a jechuun xiyyeeffannaa kennuu dhabuu barattootaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa‟tti guutummaan guutuutti barsiisota Barnoota Afaan Ormoo barsiisuuf eebbifamaniin Banoota Afaan Oromoo barsiifamuu dhabuufaa ;barattootni dhaamsagaafi birsaga addaan baasuu dhabuun rakkoo akka ta‟e; dandeettiin kun harki caalu Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa‟tti akka gonfatamufaa hubatamee jira. Itti dabalees, dandeettii kana milkeessuuf dhibentaan guddaa harka barsiisaa keessa jiraachuufi, barataanis ta‟e Bulchiinsa Mana Barumsaa barumsaa ga‟ee mataa isaa akka qaban niagrsiisa. Haaluma kana irraa ka‟uun qaamni tokko qofti ga‟ee isaa ba‟uun dandeettii kana milkeessuu waan hin dandeenyeef qaamoleen hunduu ga‟ee isaa ba‟uun gonfachiisuufi barsiisaan ammoo hunda caalaa dirqama ogummaa isaa seeraan yoo ba‟e guutumaatti gonfachiisuu baatus fooyyessuu ykn salphisuun akka danda‟u yaboo jalatti kaa‟ameera.

Description

Keywords

Dubbisa Afaan Oromoo Hagam Dubbisanii

Citation