Tooftaalee Ogummaa Dubbisuu Afaan Oromoo Kutaa Keessatti Shaakalsiifaman: Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Mana Barumsaa Burqaa Wayyoo Sadarkaa Tokkoffaa Kutaa Sadaffaa

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa tooftaalee ogummaa dubbisuu Afaan Oromoo kutaa 3ffaa Mana Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Burqaa Wayyoo keessatti shaakalsiifaman xiinxaluudha.Malli qorattuun qorannoo kana keessatti dhimma itti baate mala qorannoo akkamtaati.Iddattoonni filatamanis barsiisota afur kanneen Afaan Oromoo mana barumsaa kana irraa kutaa sadaffaa barsiisan hunda.Kan isaan filatamanis mala kaayyeffataadhaani. Akkasumas, dareewwan daawwataman ilaalchisee kutaa barsiisonni barsiisan seenan mala kaayyeffataa fayyadamuun dareewwan hundi fudhatamanii dareen afur qaacceffamanii jiru.Meeshaaleen funaansa ragaalee hojiirra oolan afgaaffiifi daawwannaa dareeti.Qorattuun odeeffannoo afgaaffiin barsiisotarraafi daawwannaa daree irraa argatte mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun,akkaataa walitti dhihaannaa yaadaatiin jechaan ibsite.Ragaaleen funaanaman bifa walfakkaatuun erga qindaa’anii booda xiinxalamuun hiikaman.Xiinxallii kanaanis hanqinoonni mul’atan barattoonni dubbisa daree keessatti yeroo shaakalsiifaman tooftaalee ogummaa dubbisuutti dhimma bahuun xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uu,barsiisonni tooftaalee dubbisuu kanas akkaataawwan dubbisuutiin walqabsiisuun kan hindhiyeessine ta’uu, akkaataa tooftaaleen dubbisuu qaban hojiirra kan hinoolchineefi daree barnootaa keessatti akkaataan dubbisa itti shaakalsiisan tooftaalee ogummaa dubbisuu giddugaleessa godhachuun hojii irra oolchaa kan hinjirre ta’uufi ulaagaa dubbisni gaariin guutuu qabutti gargaaramuun dubbisa akka hinshaakalsiifne mirkaneeffame. Hanqinoota tooftaalee ogummaa dubbisuu mana barumsaa maqaan dhahame kana keessatti mul’atan kanaafis akka yaada furmaataatti qorattuudhaan kan ka’aman xiyyeeffannoon tooftaalee dubbisuu qofa osoo hintaane akkaataa itti tooftaalee kanaan dubbisan, tooftaalee ogummaa dubbisuufi akkaataa itti tooftaalee ogummaa dubbisuu kanatti fayyadamuun dubbisuu shaakalan irratti hubannoon kennamuu akka qabu,raawwii barattoonni akkaataa shaakallii dubbisuu irratti agarsiisan duukaa bu’uun hordofuufi barsiisonni faayidaa tooftaalee ogummaa dubbisuu shaakalchiisuun qabu irratti hubannoo barattootaa gabbisuuf qophii dursaa taasisuun; ulaagaalee dubbisi gaariin tokko guutuu qabu fayyadamuun hojiitti hiikuufi ciminaan hojjechuu qabu.

Description

Keywords

Citation