Xiinxala Asoosamoota Hawwiifi Yoomi Laataa?:Ija Yaaxxina'maarkiisiizimiifi Feemiiniizimiitiin'

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Asoosamooti Afaan Oromootiin barreeffamanii gabaaf dhiyaachaa jiran kan abdii namaa kennan yoo ta’anillee, gama yaaxxinalee ogbarruu giddugaleessa godhatanii barreeffamuu fi qoratamuun hedduu hinbaratamne. Kanaaf, qorannoon kun asoosamoota Isaayaas Hordofaan barreeffaman keessaa asoosamoota matadureensaanii ”Hawwiifi Yoomi Laataa?” jedhan Ija Yaaxxina Maarkiisiizimiifi Feemiiniizimiitiin xiinxaluun hanga tokko hubannoo akka uumuuf daandii qopheessuutu fuuleffatame. Kaayyoo ijoon waraqaa kanaas kanuma. Barreessaan hagam qajeeltoowwan yaaxxinaalee kanaa gargaaramee dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa akka ibse; namfakkiilee gareewwan hawaasaa dinagdee bu’uureffatanii uumaman agarsiisuusaafi dhimmoota koorniyaan walqabatan haala kamiin akka agarsiisetu gadi fageenyaan xiinxalame. Kaayyoosaa kana galmaan gahuufis qorataan mala sakatta’a barruu gargaaramuun odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan funaaneera. Odeeffannoowwan funaanaman kunneenis qajeeltoowwan yaaxxinaalee lamaanii yookaan kaayyowwan qorannichaa bu’uura godhachuun xiinxalli bal’aan taassifameera. Xiinxala kanaanis dhimmoonni hawaasummaa uummata Oromoo (hariiroo hawaasaa, amantaa, afaan, duudhaa, falaasama Oromoo…),dhimmi dinagdee (faayidaa dinagdeen garee hawaasaa tokkoof qabu, miidhaa dinagdee dhabuun garee hawaasaa tokkorratti qabu, saamicha lafa Oromoorratti raawwatamaa ture,..)fi dhimma siyaasaa (dhiibbaa siyaasaa gama qorqalbiin, barnootaan, uummata Oromoo walirratti duulchisuu, Oromoon lafumasaarratti biliisummaa akka bitatu taassisuu, maqaa namaafi lafa Oromoo jijjiiruu,… ) faan barruuwwan kanneen keessatti bal’inaan calaqqisaniiru. Gama biraatiin, gareewwan hawaasaa dinagdee bu’uura godhatanii uumaman (abbootii qabeenyaafi dafqaan bultoota) sirnoota Dargiin dura turan keessatti mul’achaa akka turaniifi sirna Dargii keessatti gareen hawaasaa dinagdee bu’uura godhatee uumamu ifatti yoo hinmul’annellee aangoo siyaasaa dawoo godhatanii namoonni dhuunfaan qabeenya uummata Oromoo saamaa akka turan barruuwwan kunneen ni ifoomsu. Kana malees, dhimmoonni koorniyaan walqabatan (loogii koorniyaa, walqixxummaa koorniyaa, rakkoo dinagdee dubartootaa, miidhaa qorqalbii dubartootarra gahu, miidhaa gama aadaan dubartootarratti raawwatamu, dubartoota ilaalchisee yaadota dhugaa hintaane garuu akka dhugaatti fudhataman, fayyadama afaanii koorniyaan walqabatu,…), haalli fayyadama afaan barreessaa bakka tokko tokkotti rakkoo yo qabaatellee akka waliigalaatti hafuurri barruuwwan kanneenii irra jireessaan dubartoota tumsuufi rakkoo qaamoleen hawaasaa garaagaraa dubartootarraan gahan saaxiluurratti kan fuuleffatameefi fi gahee dubartoonni dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa keessatti qaban barruuwwan kanneen keessatti xiyyeeffannoon kan argarsiifameedha. Argannoowwan kanneenirratti hundaa’ uunis yaboon qorannoo kanaa: barreessitoonni gosa ogbarruu tokko barreessanii gabaaf dhiyeessuu fuula dura yaaxxinaalee inni ittiin dhiyaachuu danda’u dursanii adda baasanii qajeeltoo yaaxxina filatame sanaa osoo hordofanii gaarii ta’uu; barreesitoonni ogbarruu yammuu barreessan bifaafi qabiyeesaa walsimsiisanii akkaataa itti dhiyeessuu danda’an irratti osoo xiyyeeffatanii, barreessitoonni barreeffamnisaanii loogii koorniyaarraa bilisa ta’ee akkaataa namoota hunda keessummeessuu danda’utti osoo dhiyaatee, akkasumas ogbarruu keessatti gahee dubartoonni guddina hawaasasaanii keessatti qaban guddisnee osoo mul’isuu xiyyeeffannee gaarii ta’a. Barreessitoonni ogbarruu Oromoo osoo hojii ogbarruu tokko gabaaf hindhiyeessin ogeessota ogbarruu hojiilee ogbarruu keessatti bilchina qaban utuu gulaalchisanii hojii gaarii hojjechuu malu. Kana malees, barreessitoonni waan jiruufi jireenya hawaasasaanii mul'isuu danda'urratti xiyyeeffatanii utuu hojjetanii gama ogbarruu Oromoo guddisuutiin gaheesaanii caalaatti bahuu danda'u.

Description

Keywords

Citation