Qaaccessa Itti Fayyadama Malleen Dubbii Ogwalaloo Anaan’yaa Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon tokko yemmuu gaggeeffamu kaayyoo mataasaa qaba. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas iiti fayyadama malleen dubbii qaacceessuudha. Qorataanis ogwalaloon Anaan‟yaa dubbistoota biratti ergaan isaa namaaf hingalu yemmuu jedhan dhagahuu danda‟eera. Kanumarraa, ka‟uun qorannoo isaa malleen dubbii ogwalaloo Anaan‟yaa keessatti argaman akka qoratuuf isa kakaaseera.Qorannoon tokkos mala ittiin adeemsifamuu qaba. Kunis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qorannoon kun adeemsifameera. Akkasumas gosa qorannoo qulqullaa‟inaatti dhimma bahuuniifi iddattoo akkayyaatti tajaajilamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Gosoonni malleen dubbii walaloo kana keessatti argamanis lakkoofsaan sagali. Isaanis: nameessuu, akkasa, mitihee, iddeessuu, atee, arbeessuu, fakkoo, tuqseefi habalaka. Malleen dubbii kunis dhimmoota adda addaa ibsuuf kan galaniidha. Isaanis: dhimmoota siyaasaa, aadaa, diinagdee, siyaasaa, amantii, seenaa, duudhaafi safuu hawaasaa ibsuuf akkaataa garaagaraan kan galaniidha. Dhumarrattis dhimmoota malleen dubbii waliin wal-qabatan irratti malleen dubbii iddoo olaanaa akka qaban beekuun malleen dubbiitti gargaaramun barbaachisaa akka ta‟e addaan baaasuun argannoo jalatti kaa‟amaniiru. Gama biraan immoo malleen dubbii aadaafi seenaa uummata tokkoo dabarsuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf kunuunsuun dhalootaaf dabarsuuf barbaachisaadha.

Description

Keywords

Itti Fayyadama Malleen Dubbii

Citation