Qaaccessa Ijaarsa Eenyummaa Haala Qabatamaa Moggaasa Lafawwaan Oromoo Walloo Warra Qaalluufi Warra Baabboo

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa „xiinxala Ijaarsa Eenyummaa moggaasa lafawwaan Oromoo Walloo Warra Qaalluufi warra Baabboo haala qabatama moggaasa ganamaa gidduu galeeffachuun gaggeeffame kun bara durii Oromoon Walloo gosaafi warraan jechuun,“warra Baabboo”, “warra Iluu”, “warra Qaalluu”, “warra Raayyaa”fi kkf jechuun warraan wal bulcha ture.Garuu yeroo har‟aa kana waan hinjirreef sana deebisuuf jecha kan hojjetamedha. Kana jechuun eenyummaa sabichaa beeksisuufi yaada lallaaquun eenyummaa sabichaa burjaajjessan hambisuufidha. Haaluma kanaan qaaccessa moggaasa maqaa kanaaf malli qoratichi itti gargaarame mala qorannoo akkamtaa yookaan qulqulleeffataati. Mala kanaan odeeffannoo madda ragaa duraafi madda ragaa lammaffaa irraa argaman kan kaayyoo qorannichaa galmaan gahu jedhamanii funaanamaniin wal simsiisun itti gargaarameera. Kana malees Yaaxinaalee akka seen- naannoo, aadaaa hawaasa bal‟aa, walkeessoofi yaaxina irra deebisanii ijaaruu fayyadamuun hojjetameera. Dabalataanis mata duricha gabbisuuf, sirna adda addaa, afoola, jechamootaafi kkf kan eenyummaa sabichaa kan itti ibasamuufi raawwatus yaada manguddoliifi yaada beektootaarratti bu‟ureeffachuun ibseera. Qabiyyee gurgudoon qorattichi irratti hundaa‟e, maalumma maqaa, malumma moggaasa maqaa adda addaa lafarraa, moggaasa maqaafi qoodaa fudhattoota, faayidaa moggaasa maqaa, moggaasa maqaa keessaatti eenyu akka qooda fudhatu, bu‟ura moggaasa maqaa, dhiibbaa sirnoota darbaniin moggaasa maqarraa gaheefikkf. kan ibsan yoo ta‟u, qorannoo kana keessatti akka waliigalaatti wanti hubatame yookiin argannoo ta‟an, hawaasni Oromoo warra Qaalluufi warra Baabboo akkaataa moggaasa maqaalee adda addaa lafawwaniifi daa‟immanii itti raawwatu adeemsa mataa isaa kan qabu, mogaasni afawwanii eenyummaa saba tokkoo ibsuuf human akka qabu,bu‟urri moggaasa maqaalee kanneenii: kan bakkeewwanii immoo maqaa namaa, haala qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baay‟inaan argaman, maqaa namaafi haala bakka sanaa walittii qindeessun akka ta‟eefi dhiibbaa sirnoota darbaniitiin Oromoon naannichaa aadaafi duudhaa moggaasa maqaa kan isaa dagatee akka kan biraa dhaalu ta‟uun isaa hubatameera. Kun kan namaatiis waqtiilefi amantan, abdiifi hawwii fulduraa, dhala dhabaniifi turmaata booda argachuu, guddinaafi sochii qaamaa daa‟ima Kanaafuu, moggaasni maqaan uummata kanaaf kuusaa beekumsa gadi fagoo, ibsituu eenyummaafi calaqistuu aadaa kan yeroo dheeraa darara adda addaa dandamachuun asgaheefi jecha yookaan gaalee ittiin waamamuu sana bira ce‟ee deemudha jechuun nidanda‟ama. Kanaaf eenyummaa saba kanaa isa kaleessaa deebisanii ijaaruuf human guddaa kan qabu moggaasa lafawwanii oromoo warra Qaalluufi warra Baabboo ta‟uusaa hubatamee xiyyeeffannoon itti kennamuun hojjetamuu akka qabu adda baasameera.

Description

Keywords

Citation