Xiinxaala Sirna Moggaasa Maqaa Oromoo Gujii

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan Sirna Moggaasa Maqaa Oromoo Gujii Xiinxaaluudha. Akkuma kanaan maqaalee hedduun walitti qabamuun xiinxalamanii jiru. Maqaaleen kunniin ammo kan dhalootaa qofa osoo hintaane hawaasicha keessatti adeemsa sirna gadaa keessattis maqaalee bahan kan hammatuudha. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa qooda fudhattoota aadichaa kan ta‟an Abbootii Gadaa, maanguddootaafi qaamota moggaasa maqaa irratti hubannoo qabaniidha. Qaamota madda odeeffannoo ta‟an kanniin irraa odeeffannoo funaanuuf ammo malleen akka af-gaaffiifi daawwannaan dirree hojii irra oolanii jiru. Ragaalee argaman qaaccessuuf mala akkamtaatti dhimma kan bahe yoo ta‟u, xiinxaala moggaasa maqaa gaggeeffameen maqaaleen moggaafaman baay‟een isaanii kan aadaa, afaaniifi haala jireenya hawaasichaa giddu-galeessa godhatanii bahan ta‟uun bira gahamee jira. Kun akkuma jirutti ta‟ee garuu, maqaaleen kanaan dura bahanii jiraniifi ammas bahaa jiran sababa amantaatiin jijjiiramaa kan jiran ta‟uunis hubatamee jira. Kun ammo baay‟inaan kan mul‟atu dargaggoota birattiidha. Kana waan ta‟eef amantaafi aadaan gargar waan ta‟eef namoonni maqaa ofii jijjiiranis ta‟ee hawaasni daa‟imman isaatiif maqaa moggaasu ergaafi dhaamsa maqaan sun akka dabarsu barbaadame sanas waaliin jijjiiraa kan jiru waan ta‟eef kana beekanii osoo irraa of qusatanii duudhaa isaanii eeganii jiraatanii gaarii ta‟a yaboon jedhu lafa kaa‟amee jira. Dabalataanis qaamni dhimmi ilaaluufi aadaa irratti hojjatu kan akka Waajjira Aadaafi Turiizimiii Godinichaa hubannoo hawaasichaaf kennuun hawaasichi duudhaa isaa qabatee akka turu osoo godhanii bayeessa ta‟a yaanni jedhu lafa kaa‟amee jira.

Description

Keywords

Sirna Moggaasa Maqaa Oromoo

Citation