Qaaccessa Ergaa Dubbii Haaromsa Siyaasaa Bara 2010 Hanga 2011 Geggeeffame (Haala Aanaa Kiiramuu)
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa dubbii haaromsa siyaasaa bara 2010 hanga 2011 irratti haala uummata aanaa Kiiramuu biratti mul’atu ergaa isaa xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, ragaaleen meeshaalee afgaaffii, mariigaree xiyyeeffannoofi daawwannaan waraabbii sagaleefi suuraan, yaadannoo gaggabaabaan funaanamanii gara barreeffamaatti jijjiiramuun kaayyoo qorannichaa akka galmaan ga’anitti mata duree addaa addaaatti qoodamuunii mala akkamtaan ibsuun qaacceffamanii jiru. Ragaan afwalaloofi hololoon, malleen dubbii, qoqqoodama seerluugaa, gurmaa’ina jechootaan haaromsa biyyaafi Naannoo Orimiyaa dubbiin ibsaman jijjiiramaafi rakkoowwan jiran raga himtoonni qorannichaa haala qabatamaa jiru irratti hundaa’uudhaan jedhanidha. Argannoon qorannoo kanaas itti fayyadama afaaniin, haaromsi sadarkaa biyyaatti taasifame kan jajjabee ffamuufi hanqinni qorannoofi hordoffii naannolee akka jiruufi haaromsa kan deeggaraniifi morman akka jiran dhiyeessa. Haaromsa siyaasa 2010 hanga ammaa taasifame waallee dubbiin ergaa isaan qaban ibsuuf yaaleera. Haaromsi sadarkaa Oromiyaa jiru gaarii ta’uufi Naannoo Oromiyaa rakkoon turuu ibsa.Haaromsa kana tarkaanfachiisuuf qorannoo cimsuun caasaa godinaaleetii hang gandaatti rakkoowwan sakatta’uu fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu qabu ni ibsa. Caalaatti haaromsa siyaasaa godina Wallaga Bahaa Aanaa Kiiramuu hanga gan dootaatti jirana akka hojii irra hin oolle, rakkoo siyaasaa diinagdeefi hawaasummaa furuuf mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu, qorannoofi hordoffii cimsuu, fayyadamummaa uuummataa mirkaneessuun akka qabu ibsa. Caalaatti godinaaleetii hanga gandoota teessoo wal jijjiirsisuu osoo hin taane haaromsa dhugaa geggeessuuf nama gahumsaafi aantummaa uummataa qabu haaraa muuduun barbaachisaa akka ta’e qorannichi ni dhiyeessa. Uummanni tokkummaadhaan qabsaa’uu, eeruu kennuun haaromsi siyaasaa sadarkaa gaariitti akka ce’uu danda’uufi ta’uu baannaan garuu kufaatiin sirnaa haaromsa akka qaqqabuufi kufaatii hamaa akka fidu qorannoo kun ni dhiyeessa.