Qaaccessa Dandeettii Barattootaa Fayyadama Bamaqaa Matayyaa Kitaaba Barattootaa Kutaa 10ffaa Keessatti
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon gooroo qorqannoo kanaa hubannoo barattootni fayyadama bamaqaa matayyaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa keessatti qaban xiinxaluudha. Qaaccessa kanaan hanqinoota mul’atan adda baasanii yaada furmaataa kennuuf gosa qorannoo makootti dhimma bahame. Akkasumas, barattootaafi barsiisonni mana barumsichaa akka iddattootti filatamaniiru. Hirmaattonni qorannoo kanaa akka iddattootti filataman kun barattoota 277 waliigala barattoota 900 keessaa yemmuu ta’u, barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan jaha immoo akkuma jiranitti iddatteeffamaniiru. Barattootni qorannoo kana keessatti hirmaatan iddatteessuu carraa tasaa (randam sampling)tiin kan filataman yemmuu ta’an barsiisonni ammoo, iddatteessuu akkayyoo (purposive sampling)tiin filatamanii jiru. Qorannoo kana keessatti meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanname gaafannoo hincaaseffamne,gaaffii qormaataa,daawwannaafi kitaaba barattootaa sakatta’uudhan. Odeeffannoo daawwii dareetiin argame mala akkamtaatiin kan qaacceffame yemmuu ta’u, kan qormaataan argame immoo, mala makaatiin qindaa’ee qaacceefame. Akka ragaaleen qaacceffaman mul’isutti, fayyadama bamaqaa matayyaa irratti barattootni hanqina hubannoo qabaachuu isaaniti. Akkasumas, barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 10ffaa barsiisan akkaataa itti fayyadama bamaqaa matayyaa barattoota hubachiisuu irratti xiyyeeffannoon gadi fagoo kan hinkennamne ta’uu isaati. Sababnis, qabiyyeen barnootichaa baay’ee dhiphaaf waan ta’eef hiika bamaqaafi ramaddii isaa qofa tuqanii bira darbuun gola barnootaa keessatti kan mul’atuudha. Gabaabumatti, argannoon qorannoo kanaa barsiisonni itti fayyadama bamaqaa matayyaa galuumsa keessatti barattootni akka hubataniif; akkasumas, itti fayyadamarratti bifa ykn.unkaa bamaqichaa akka adda baasanii beekaniif xiyyeeffannoo kan hinkennine ta’uu; tooftaa adda addaa fayyadamuun barattootaa dhiyeessuu irratti xiyyeeffannoon kan hinjirre;ta’uun argannoo qorannichaa warreen gurguddoodha. Dhumarratti, argannoo qorannoo kanarraa ka’uun yaada furmaataa keessaa: haala baruu-barsiisuu keessatti barattootnifi barsiisonni akka bu’aa argatan taasisuu bira darbee sadarkaa guddina afaanichaatifillee gahee olaanaa waan qabuuf barumsa bamaqaatiif xiyyeeffannoon kennamuu qaba. Hamma barnootni bamaqaa keessattuu bamaqaan matayyaa kitaabicha keessatti qaama dhimmi ilaaluun xiyyeeffannoo argatee fooyya’utti barsiisoonni tooftaalee adda addaatti fayyadamuun akkaataa itti fayyadama bamaqaa matayyaa irratti barattoota gargaaruun, galma gahiinsa sagantaa barnoota afaanitiif gumaachuun cimanii akka hojjatan dhaamsa qoratichaati.