Qaacceessaadeemsaarbiidha’uukangodina Shawaa Lixaaaanaagindabarat

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kana Qaacceessaa Adeemsa Arbii Dha’uu Kan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat irratti kan xiyyeeffatedha. Qorannoon kuniis, yaaxina qorannoo Yaaxina FaayidaafiYaaxina Aadaa Hawaasatiin deeggaramuun kan dhiyaatedha.Haalli ijaarsi qorannicha gosa qorannoo addeessa ta’ee aadaa hawaasicha keessa jiru kan ibsudha. malli qorannoo kanaas,mala qorannooAkkamtaa yoo ta’u, tooftaan iddatoon itti filatamees mala iddattoo Akkaayyoofi Darbaa dabaarsatti kan fayyadamtedha.Malleen ragaan ittiin funaannamaniis:Af-gaaffii,Daawwannaafi Marii gareettikan fayyadamte yoo ta’u,meeshaaleen ragaalee ittiin funaannachuuf itti gargaaramtees:Viidiyoo Kaameeraa,Kaameeraa Suuraafi Yaadannooqabachuun madda raga tokkoffaarra ragaan kan walitti qabameedha. Akka kaayyoo gooreefi gaaffii bu’uura qorannoo kana irratti hunda’uun ragaalee adeemsa kanaan argame: Meeshaalee aadaa jirbii foo’uufi arbii dha’uuf oolan kan tarreeffamaniifi ogumma kana keessatti qooda fudhatoonni eenyuu faa akka ta’an ibsameera.Faayidaa meeshaalee aadaa kan Jirbii foo’aan,Arbii dha’uuf oolanfi Uffanni arbiin dhahamaan kunniin hawaasichaaf bu’aan inni qabu mul’ateera. Akkasumaas, ogeeyyiin meeshaalee kanattii fayyadamuun beekumsa hawaasicha keessatti qabaan haala gaariin ifa ta’eera. Uffannii ogeeyyiikanaan dhahamaan kunniin hawaasa oromoo aanaa kana keessa jiraniif iddoo gudda kan qabuufi uffata kabajaa ta’ee akka tajaajila jiru ta’ee argameera. Kana malees,Ilaalchii hawaasnii kun dur ogeeyyii Arbii dhahaniif qaban ilaalcha badafi kan balaalleeffatamaa turan ta’uu isaanii hubatameera. Haata’uu malee, yeroo amma kana ilaalchii hawaasni ogeeyyii kanaaf qaban guutumma guututti hafeera. Kanaafuu, ogeeyyii kanaafi hawaasa giddutti wanti amma mul’achaa jiru: Jaalala, Kabajaa, Gaddafi gammachuu isaanii waliin kan hirmaataniidha. Afoolli meeshaalee aadaa kanneen waliin wal qabataniis hiikni adda addaa kan itti kennameedha. Yaanni furmaata barbaaduus ogummaa arbii dha’uu kun Barnoota Leenjii Teekinkaafi Ogummaa aanaa kanaatti kennamuu eegalee ture addaan cite ture. Kanaafuu, gara fuulduraatti gama Waajiira Barnoota Leenjii Teekinkaafi Ogummaa aanichaatiin akka barnoonni kun itti fufee kennamuu ta’uu qaba. Akkasumaas, namoonni ogumma kana akka dagaagfataniif leenjiin adda addaa Gama mootumattiin akka kennamu ibsameera.Afoolli meeshaalee aadaa jirbii foo’uufi arbii dha’uuf oolan duuka jedhamaan sababa amantaa adda addatiin dagatamaa akka jiru mul’ateera. Kuniis, immoo gama Biiroo Aadaafi Tuuriiziimii Oromiyaa tiin barbaaddamee funaanuun dhaloota itti aanuuf dabarfamuu qaba kan jedhu yaanni kaawwameera. Qorannoon kan biro gama Fooklooriitiin meeshaalee aadaa irratti filatamee akka adeemsiifamu kan jedhutu yaada qorannoo kana keessattii eerameera.

Description

Keywords

Citation