Waraqaa Qorannoo “Xiinxala Sirboota Diddaa, Xiyyeeffannoon Fayyadama Afaanii Sirboota Ittiiqaa Tafarii Saaqi Saanqaafi Itti muddi,” Jedhan Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Sirboota diddaa, xiyyeeffannoon fayyadama afaanii sirboota Ittiiqaa Tafarii saaqi saanqaafi itti muddi jedhanqaaccessuu yoo ta‟u, sirbi kun diddaa gabrummaa Oromoon taasise keessatti ga‟ee olaanaa taphate. Keessumaa naannoo bara 2008 A.L.I. irraa eegalee uummatni Oromoo sirba kana manneen daldalaa, geejjibaafi moobaayila irratti fe‟achuun qabsoo itti fufaa yaada isaa sirba kanaan ibsachaa ture. Kanaafuu, jijjiirama amma dhufeef tumsi sirba kanaa guddaadha. Hanga ani hubadhetti ammoo namni sirbicha irratti qorannoo geggeesse hinjiru. Ka‟umsi koo inni guddaanis kanuma ture. Dabalataanis qorannoo kana adeemsiisuuf ka‟umsa kan ta‟e jijjiiramoota sirboota diddaa Ittiiqaa Tafarii hordofuun mul‟ataniidha. Egaa qorataan jijjiiramootni sirboota diddaa Ittiiqaa Tafarii hordofuun mul‟atan kun bu‟uuraan maalirraa maddan isa jedhu addaan baasuuf fayyadamni afaanii sirba kana keessatti gama fayyadama malleen dubbii, fayyadama mammaaksaa, fayyadama jechamaa, akkasumas ilaalchaafi abdiiwwan jiran mul‟isuuf akkamitti akka ibsaman adda baasuuf qorannoon kun geggeeffameera. Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaati. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa kanneen akka fayyadama afaanii weellisaan fayyadameefi malleen dubbii gosa gosaan akkaataa qabiyyee isaan isaaniitiin kaa‟amaniiru. Itti aansuunis, fayyadamni jechootaa, jechamootniifi mammaaksotni jechoota barsiisuuf mijatoo waan ta‟aniif qabiyyee barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa akka taasisan kallattiin kaa‟ameera. Akka ciminaatti kan kaa‟amu, jechootni bakka barbaachisaatti galuun fayyadama afaanii sirriitti kan hawaasni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti fayyadamu ta‟uu isaaniiti. Akkasumas haala yeroo wajjin walqabsiisuun jechoota filatamoo weellisaan sirboota kanaa itti gargaarame ergaa ciccimoo kan dabarsaniifi dhimma akka jedhamuuf akeekame sirriittiibsuu kan danda‟aniidha. Akka dadhabinaatti waanti ilaalamuu danda‟u ammoo, weellisichi fayyadama jechoota safuu irratti xiyyeeffachuun yoom, eessaafi akkamitti fayyadamuu irratti hanqina akka qabuudha. Akka furmaataatti kan kaa‟ame, weellisaan filannoo jechootaa keessatti jechoota safuu hawaasaa eeganiifi fudhatama qabanitti utuu gargaarame aadaa fayyadama afaanichaa babal‟isuu danda‟a.

Description

Keywords

Citation