Qaaccessa Qabiyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durbaa Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun mata duree “qaaccessa qabiyyeefi unka weedduu arrabsoo sirna
naqatanii fuudhuu “ irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, bakki itti gaggeeffame immoo
Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruutti. Qorannoo kanaaf ka’umsi, weedduun
arrabsoo durbaa kan aadaafi barsiifata hawaasaa baatu yeroo ammaa dagatamuufi
baduu isaati. Kaayyoon qorannichaas, weedduu arrabsoo durbaa kan sirna
naqatanii fuudhuu qabiyyeefi unkan qaaccessuu, sadarkaa inni irra jiru addaan
baasuufi furmaata lafa kaa’uudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa
qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaaname maanguddoota, hawwaniifi
ogeessota waajjira Aadaafi Turizimii waa’ee weedduu arrabsoo sirna naqatanii
fuudhuu gadifageenyaan beekaniidha. Raga kennitoonni kun mala iddatteessuu miti
carraa keessaa iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun filamaniiru. Oddffannoo
raga kennitoota irraa mala funaansa ragaalee afgaaffiifi marii gareetiin
gargaaramuun funaanamerraa ka’uun weedduun arrabsoo sirna naqatanii fuudhuu
guyyaan cidhaa yeroo torban sadii hafu: bakka lamaanittuu shamarran galgala
galgala arrabsoo sanaan gartuu isaanii jajuun gartuu biroo immoo ni arrabsu. Kunis
mana lamaanittuu jala bultii jedhama.Yeroon biroon kan arrabsoon sun gaggeeffamu
gaafa cidhaati. Kan mana warra intalaa yeroo jalbultii, arrabsoo yeroo gurbaan
dhufu ittiin balbala dhowwatan, kan yeroo gurbaan maaddiitti dhiyaatu ittiin
arrabsan, kan dura deemaa ittiin arrabsan, kan yeroo gurbaan intala fuudhee galuuf
ka’u ittiin arrabsaniifi weedduu gundoo booreeti. Kan mana gurbaa immoo weedduu
jalbultii, kan intala ittiin balbala dhowwatan, kan yeroo intalli mana gurbaa geessu
ittiin arrabsan, kan yeroo intalli mana gurbaa seentee teessu ittiin arrabsanfi kan
miinjeen ittiin arrabsamtufaadha. Qabiyyeen weedduu arrabsoo durbaa kallattiinis
ta’e alkallattiin waan hawaasa keessatti mul’tu ibsuudha. Unki weedduu
arrabsoos,wal diddaa, wal fakkaatinsa isaafi gamtaan ykn ijaarsi isaa maal akka
fakkaaatu kan agarsiisuudha. Unki weedduu arrabsoos saraaroota, cabsata, gaalee,
birsaga, yeedaloofi unataan qaacceffameera. Haaluma kanaa qabiyyeefi unki
qaacceffamanii dhiyaataniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka
ibsanitti arrabsoon afwalaloofi yeedaloon dhiyaate, falaasama hawaasichaa
nimul’isa; tokkummaa hawaasaa ni cimsa; safuu hawaasichaa ni barsiisa, hojiif
nama kakaasuun jijjiirama amalaa ni fida. Kanaaf aadaa weedduu arrabsoo sirna
naqatanii fuudhuu akka duriitti deebisuun yoo dadhabamellee, qoratanii
barreeffamaan kaa’uun hawaasichi akka irraa baratu gochuufi walaloo kana
qabiyyee barnootaa keessa galchuun dhaloonni akka irraa baratu gochuun
barbaachisaadha.