Qaaccessa Barreeffama Barjaalee Afaan Oromoo Magaalaa Itayyaa Gama Caasaafi Jijjiirraatin
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Waadoo, Huseen
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa barreeffama Afaan Oromoo barjaalee Magaalaa Itayyaa gama ija
caasaafi jijjiirraatin qaaccessuudha. Dabalataan hanqina isaan qaqqabsiisaniifi karaalee
furmaata argatanirratti xiyyeeffateera. Kaayyoo qoranichaa galmaan gahuufis meeshaaleen
funaansa ragaalee: sakatta’a dokumantiifi afgaaffitti dhimma bahee jira. Haaluma kanaan
barjaaleen mana daldalaa dhuunfarratti maxxanfamaniifi waajjiraalee mootummaa cinnatti
argaman suuraa kaasuun kan fudhataman yoo ta’u, qaamota dhimmi ilaalaturraa ammoo
afgaaffii caaseffamaa qopheessuun ragaan walitti qabameera. Ragaaleen walitti qabamanis
mala akkamtaafi ammamtaan akkaataa walitti dhiyeenasaanitiin walkeessa nyaachifamuun
qaacceffamanii hiikni itti laatameera. Argannoon qoranichaa akka mul’isutti akkataan
fayyadama caasaalee keessatti dogongora qubeessuu: dheeressuufi gabaabsuu, jabeessuufi
laaffisuufi irrabuta akkasumas fayyadama jechootaa keessatti immoo, duraa duuba jechootaa,
jechoota mijatoo hintaane, walqabsiistuu ’fi’ akka ofdanda’atti fayyadamuu, dhaabbii
dhabuu, irradeddeebii jechootaafi gabaajee fa’arratti hanqinni jiraachuu isaanii bira
gahameera. Akkasumas barjaalewwan magaalaa san keessatti argaman haalli jijjirrallee
sakatta’amuun laalamee jira. Isaan kun immoo jechoonni ergaa barbaadame osoo hintaane
hiika biroo akka dabarsan, yookin hiika akka dhaban, jechoonni afaanichaa akka hinwaaltofne,
dhaaba akka dhaban, caasaa afaan Amaaraa yookin Ingiliizii afaanichaaf oolchuun dhiibbaa
inni geesisuudha. Beekumsa xiinqooqaa Afaan Oromoo dhabuu, dhiibbaa caasaa Afaan
Amaaraa yookin Ingiliizii, xiyyeeffannoo kennuu dhabuu waajjira aadaafi turizimii yaadesaa
ta’uun bira gahameera. Dhumarrattis qoratichi namoota hojii beeksisaa magaalicha keessatti
hojjachuu barbaadaniif ragaa beekumsa Afaan Oromoofi aadaa Oromoo qabaachuusaanii
mul’isu adda baasuun heeyyama daldalaa kennuu, ogummaasaanii leenjiin gabbisuu, hordofuufi
too’achuu, kan kana bira tare tarkaanfii seeraa irratti fudhachuu,waajjiri aadaafi turizimii
dhimmicha karoora hojii keessa galfachuun irratti hojjachuun furmaata rakkoo kanaa ni ta’a
jedhamee qoratichaan lafa kaa’ameera.