Sakatta’a Walitti Fufinsaafi Dagaagina Qabiyyee Ogbarruu (Boqonnaa Gara Boqonnaafi Olee) Kitaaba Barattootaa Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mata duree “Sakatta’a walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee ogbarruu (boqonnaa gara boqonnaafi olee) kitaaba barattoota Afaan Oromoo kutaa 11fi 12” jedhu irratti kan gaggeeffamedha. Sababni mata-duree kanarratti qorannoo gaggeessuuf ka’umsa ta’e, qorataan kun yeroo dheeraaf Afaa Oromoo barsiisaa kan ture yommuu ta’u, turtii isaa kana keessatti waa’ee dhiyaannaa ogbarruu kutaa 11fi 12 irratti komiin barsiisaafi barattoota biraa darbee darbee ka’uunsaafi kallattii mata duree Kanaan qorannoon bal’aa kutaawwan kana lamaan irratti gaggeeffamuu dhabuun qoratichaaf rakkoo xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’ee waan itti mul’ateef qorannoo irratti gaggeessuuf kaka’umsa itti horee jira. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, kitaabilee barattootaa kutaa 11fi 12 keessatti qabiyyeen ogbarruu walitti fufinsaafi dagaagina boqonnaa gara boqonnaafi olee qabaachuu isaa adda baasuudha. Qorataan kitaabni barattoota Afaan Oromoo ku. 11fi 12 walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee qabaachuufi qabaachuu dhabuu isaanii adda baasuun yaada furmaataa kaa’uuf immoo gosa qorannoo keessaa qorannoo ibsaatti dhimmi bahee jira. Madda odeeffannoo kitaaba barattootaa Afaan Oromoo ku. 11fi 12fi barsiisota kutaa kana lamaan barsiisan mala iddatteessuu mit-carraa keessaa akkaayyoon filateera. Iddattoowwan kana irraas odeeffannoo funannachuuf meeshaalee funaansa ragaalee sakatta’a dokumantiifi af-gaaffiitti dhimmi bahee jira. Odeeffannoon sakatta’a dokumantiifi af-gaaffiin funaanaman mala akkamtaafi hammamtaan ykn makoo ibsaan qaacceffamaniiru. Akka ragaalleen qaacceffaman mul’isanitti walitti fufinsiifi dagaaginni qabiyyee ogbarruu ku. 11fi 12 ciminaafi hanqina qabaachuu mul’iseera. Haata’u malee, qorannoon irra caalatti hanqina irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kunis kan ta’eef, hanqinoota mul’atan fooyyessuun akka danda’amuuf yaada furmaataa eeruufi. Argannoo qorannoon kun agarsiise haalli dhiyaannaa qabiyyee ogbarruu kitaaba barattoota Afaan Oromoo ku. 11fi 12 hanqina qabaachuu isaa agarsiisee jira. Akkasumas, qabiyyeen ogbarruu kutaadhaa gara kutaattii akka kan boqonnaa gara boqonnaa hanqina bal’aa ta’uu baatus, hanqinni jiraachuu isaa qaaccessii boqonnaa afur jalatti gaggeeffame mul’isee jira. Walumaagalatti, argannoo qorannoo kana irraa ka’uun haalli qophii kitaabilee barattoota Afaan Oromoo ku. 11fi 12 walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee boqonnaa gara boqonnaafi olee irratti osoo xiyyeeffannoon kennamee gaariidha.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation