Xiinxala Milkii Ilaallannaa Oromoo Amboo

dc.contributor.advisorTaliilaa, Xilahuun (PhD)
dc.contributor.authorEgeree, Dastaa
dc.date.accessioned2019-04-12T12:59:22Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:23Z
dc.date.available2019-04-12T12:59:22Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:23Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractKaayyoon gooroo qorannoo kanaa milkii ilaallannaa Oromoo Maccaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis malli qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba’ame mala qorannoo qulqulleeffataa/akkamtaati.Maddi ragaa qorannoo kanaas maanguddoota dhimmakanarratti muuxannoo gahaa qabanidha.Malli iddatteessuu qorannoo kana geggeessuu keessatti dhimma itti ba’ame immoo mala iddatteessuu kaayyeffatafi mala iddatteessuu darbaan dabarsaati. Qorannoo kana geggeessuu keessatti meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’aman afgaaffii,marii gareefi daawwannaadha. Argannoowwan qorannoo kanaan bira gahamanis uummatichi milkii kan ilaallatu halawwan garaa garaa keessatti ta’ee innis yeroo sirna gaa’elaa, guyyaa keessaa ganama, galgala,gocha namaa, sochiiwwan qaama namaa, biqiloota, beeyladoota, bineessota, allaattiwwan, ilbiisota, waantota, guyyoota torbanii,dhaha,abjuu,barruu harkaafi shiinii bunni itti dhugame dubbisuu waliin walqabataniidha.Milkiiwwan ilaalaman kunneenis milkii gaariifi milkii gaarii hintaane jedhamuun bakka lamatti qoodamu.Yaboon qorattuu kanaan lafa kaa’ames waajjirri aadaafi tuurizimii aanaa Amboofi dhaloonni har’aa osoo dhimma kanarratti qorannoo gadi fageenya qabu geggeessuun bifa barreeffamaan dhaloota dhufuuf dabarsee baay’ee gaarii ta’a. Akkasumas, qaamni sirna barnootaa Afaan Oromoo qopheessus osoo waa’ee milkii kitaabilee barnootaa Afaan Oromoo keessatti dabalee barattoonni akka baratan yoo ta’e misha.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17924
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Milkii Ilaallannaa Oromoo Ambooen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Dastaa Egeree.pdf
Size:
2.03 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: