Qaaccessa Raawwii Sirba Goobee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu

dc.contributor.advisorDassaalany, Dastaa (PhD)
dc.contributor.authorGirmaa, Lammii
dc.date.accessioned2020-11-11T08:28:53Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:00Z
dc.date.available2020-11-11T08:28:53Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:00Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractMata dureen qorannoo kanaa Qaaccessa RaawwiiSirba Goobee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuurratti xiyyeeffate.Kaayyoon qorannoo kanaa Raawwii Sirba Goobee Aanaa kanaa qaaccessuudha. Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaa yoo ta‟u malli kunis odeeffannoo af-gaaffiifi daawwannaa akkasumas marii garee qorachuuf filatamaa waan ta‟eefi. Malli iddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaa dabarsiitti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluuf kitaabooleefi toora interneetii irraa qabxiileen ijoon sakatta‟amaniiru. Adeemsiragaa ittiin funaanname daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareen jaarsooliifi dargaggoota aanaa Kuyyuu irraa funaannameera. Akkasumas daawwannaa yeroo sagantaa sirba Goobee Fulbaana 10-01-2011 hanga Fulbaana 17-01-2011 raawwaturratti argamuun daawwachuun suuraafi yaaddannoo barreeffamaa qabachuun ragaan funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota haalaa, faayidaa, caasimaafi yaaxinna irra deebi`anii ijaaruufi yaaxina jiijjiramaafi itti fufiinsa deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareen argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun haalli Raawwii Sirba Goobee keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta‟an kanneen akka tapha shimalaa, cuqorsa, farsoo, abaarsa, eebba, jajuuniifi kan kana fakkaatan adda bahaniiru. Dhuma irratti argannoon qorannichaas sirbi Goobee raawwiin isaa yeroo eegee safuufi aadaa hawaasichaa eegee kan sirbamuudha. Namoota gaa‟ila godhatanii ilmoo dhabaniif goobeen yoo eebbiseefi kadhataniif waggaa sanatti akka dhala argatan, Sirbi goobee yeroo amma ilaalchota adda addaafi ammayyummaan kan laafaa dhufe ta‟uu, hirmaattoonni sirba goobee ijoolleefi dargaggoota akkasumas umriin kan daangeffame ta‟uu argannoo kootiin bira gaheera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23180
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Raawwii Sirba Goobee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuuen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Lammii Girmaa.pdf
Size:
2.3 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: