Qaaccessa Hariiroo Biqiloonni Sirna Ayyaantuu Wajjin Qaban: Haala Oromoo Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinnii

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun Hariiroo Biqiloonni Sirna Ayyaantuu Waliin qaban irratti kan xiyyeeffate yoo ta‟u, bakki itti geggeeffame Godiina Shawaa Lixaa Aaanaa Dirree Incinniiti. Qorannoo kanaas akka geggeeffamuuf waantonni kakaasan biqiloonni raawwii sirna kamiiyyuu keessaa hafuu hindandeenye keessaa kan sirna ayyaantuu kan hanga qorattuun kun sakattaatee ilaaltetti qorannoo bal‟aa irratti geggeefame waan hinarganneef, yoo qoratame beekumsi qorannoo kanarraa argamu dhalootaaf dabarsuufi namoota hariiroo biqilootaafi sirna ayyaantuu hinbeekneef akka beekaniif bu‟ura ta‟a jedhamee yaadameeti.,Kaayyoo gooroon qorannichaa hariiroo biqiloonni sirna ayyaantuu waliin qaban xiinxaluudha.Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf mala qorannoo akkamtaatti fayadamuun mala iddattoo kaayyeffataafi darbaa dabarsaatti gargaaramuun odeeffannoon funaanameera. Malleen funaansa ragaa kan akka afgaaffii, mariigareefi daawwannaatti fayyadamuun odeeffannoon argameera. Ragaalee argaman kanas mala qaaccessa ragaa akkamtaatti fayyadamuun qaaceffameera. Haaluma kanaan biqiloota sirna ayyaatuu keessatti dhimma itti bahaman kamfaa akka ta‟an, maaliif akka tajaajilan, amalaafi hariiroo isaan sirna ayyaantuu waliin qaban walduraa duubaan xiinxalamee ka‟ameera. Argannoon xiinxala kanaan argames gosoonni biqiloota sirnicha keessatti dhimma itti bahaman: hindhee,birbirsa,anfaara,alaltuu, ejersa, kalaalaa, sariitii, abbayyii, baballiifi saardoo ta‟uu,isaan kana keessaa birbirsi utubaa galma ayyaana kan ittiin dhaabuufi baala isaa balbala galma ayyaanaa irratti suuquuf, hindhee, anfaara,alaltuu, saardoofi sariitiin kan ittiin irreeffatamu ta‟uu, ejersi kan jalatti irreeffatamu ta‟uu, abbayyiin qorichummaaf, baballiin miidhaginaaf, akkasumas kalaalaan mallattummaaf yookiin adda baafachuuf kan oolu ta‟uun bira ga‟ameera Alaltuutiin irra jireessa kan irreeffatu dubartoota ta‟uu yookiin alaltuun irreessa dubartootaa ta‟uun bira ga‟ameera.Biqiloonni kunniin amala dhuunfaa isaanii haaqabatan malee biqiloota biro irraa adda ta‟uun isaanii tarreeffamrrra.Argannoon qorannoo kanaan argamerratti hundaa‟uun kallattiin gara fuula duraatti kaa‟ame biqiloota kanaaf kunuunsi akka taasifamu,galmi ayyaanaa “Warra Gooftaa Waloo” bakka hawwata tuurizimii taasisuufi „Ejersi Waloo‟ kan jalatti irreeffatamu seenaa jalatti irreeffatamuu waan qabuuf qorannoo osoo irratti geggeeffamee gaariidha.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation