Xiinxala Afseenaafi Afwalaloo Ulaa Duulaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa: Maleenyaa Seenawaatiin

No Thumbnail Available

Date

2017-01-05

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun kan gaggeeffame, Xiinxala Afseenaafi Afwalaloo Ulaa Duulaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraarratti. Kaayyoowwan qorannoo kanaa inni guddaan, gaaffilee ka‟umsa qorannichaa ta‟an, bakka seenaa Ulaa Duulaa ilaalchisee afseenaan akkamii akka dubbatamu, hidhata Oromoofi lafa isaa waliin qabu akkamiin akka ibsuufi afwalaloon isaan walqabatanii dhiyaatan maal akka fakkaatus xiinxalameera. Milkaahina kaayyoo kanaaf mala akkamtaatti dhimma bahameera. Kana fiixaan baasuufis, mala iddattoo kaayeeffataafi darbaa dabarsaa bu‟uura godhachuun, odeeffannoowwan barbaachisoo ta‟an madda ragaa tokkoffaarraa kanneen argamaniidha. Maddi ragaa tokkoffaa, namoota waa‟ee bakka seenaa sanaan walqabatee afseenaafi afwalaloo isaa sirriitti beekaniidha. Argannoon qorannichaa akka agarsiisutti, “Ulaa Duulaa,” bakka Oromoon naannichaa qabiyyee ykn weerara „Nafxanyoota‟ fi abbootii lafaa Habashootaa mormachuuf duula itti bahaa turan yemmuu tahu, akka karra bahiinsaatti ykn „Ulaa‟ tti illee tajaajilaa kan tureedha. Sanirraa ka‟uunis, maqaa bakkichaa „Ulaa Duulaa‟ akka jedhamee dha. Akkasumas, akka giddu-gala sochii siyaasaa yeroo sanaatti kan tajaajile yemmuu tahu, innis, gosti „Arraabsaafi Gaaleeyyii‟ jedhaman abbootii lafaa (Nafxanyoota) ofirraa qolachuuf diddaa (resistance) walirraa hin cinne taasisaa turan kan ittiin yaadatan, bakka seenaa (historical site), fakkoommii diddaa (symbolic resistance) isaaniiti. Afwalaloon bakka seenaa kanaan walqabatanii dhiyaatan, afawalaloo abbaa lafaan walqabatan, lola Xaaliyaanii, „Nugusa Warra Erar,‟ dhiibbaa amantiifi „Naafxanyoota‟ waliin walqabatan qorannoo kana keessatti wal duraa-duubaan xiinxalamaniiru. Bakkeewwan ulfoo naannichaa, kanneen dhaabbilee amantii birootiin dhiibamaa turan/jiran kan akka Bakka Muudaa Birbirsaaa, Tulluu/Siidaa Kormaa, Malkaa Irreessaa Gunjaar, Malkaa Bashaallee, Malkaa Carii, Malkaa Xaafoo, Malkaa Irreessa Aqaaqiifi Tulluu Araaraati. Qorattoonni afoolaa, seenaafi seenaa naannoo bu‟aa bakki kun qorannoo afoolaa, seenaafi kunuunsa naannoo keessatti qabu as baasuu qabu. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas, bakka seenaa Ulaa Duulaa qorachuu, kunuunsuufi eeguu, bakka daawannaa taasisuu, afseenaafi afoola bakkichaas dhalootaaf dabarsuutu irraa eegama.

Description

Keywords

Citation