Xiinxala Afoolaa Asoosama Sussuka Adoolessaa Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2021-09

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun afoola asoosama afaan oromoo jiran keessaa asoosama sussuka adoolessaa xiinxaluurratti yoo xiyyeeffatu, qorataan baarreessaan asoosama afoola adda addaatti fayyadamanii sababa asoosamoota tokko tokko barreessaa jiraanirraan kan ka‟e itti fayyadama afoolaa asoosamoota keessatti maal akka fakkaatu hubachuuf ka‟umsa argatee, kaayyoolee: gosoota afoola asoosamoota kanneen keessatti argaman adda baasuu; faayidaa afoolli asoosamoota keessatti qabu tarreessuu; qabiyyee afoola asoosamoota kenneen keessaa ibsuu; fi walfakkeenya afoolaa fi ogbarruuwwanii illee fudhachuun qorannoo gaggeesse. Qorannoon kun qorannoo bu‟uuraa yoo ta‟u, mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennameedha. Odeeffannoo mala sakatta‟iinsa kitaabaatiin kan fuunaname yoo ta‟u, afoolota kitaabolee kanneen keessatti argamanirratti kan raawwatamedha. Afoolota funaanaman kunniin akkatuma gosoota isaaniin adda baasuun qabiyyee fi faayidaa asoosamoota kanneen keessatti qaban ballinaan xiinxalamee jira. Dhumarratti, ragaalee xiinxalamanirratti hundaahuun argannoo qorannichaa:gosoonni afoola asoosamoota kanneen keessatti argaman mammaaksa, geerarsa, sirboota geelloo,kadhaa,jechamootaa,arrabsoo,abaarsa,himiinsaa fi eebbi jiraachuusaanii hubatameera. Afoolli asoosamoota kanneen keessatti argaman aadaa, duudhaa, safuu, amantaa, faalasama ummanni Oromoo dur qabu dhaloota harraa hubachiisuuf,dhaloota boriif immoo hambaa ka‟anii darbuuf sirnoonni arrabsoon sirna fuudhaa fi heerumaa irratti geggeeffamu,sirboonni geelloo fi kkf jiran tajaajilamuun yaa‟an asoosamoota akka guddatu ibsuuf kan fayyadaman yoo ta‟u, sirboonnii fi faaruwwaan sirnoota kanarratti sirbaman ammoo, yoomessaa agarsiisuuf akka fayyadaman, afoolonni asoosamoota kana keessatti waldiddaafi dhaamsaa asoosamootaaf bu‟uura ta‟aniiru. Kana malees, waliin dubbii keessatti barsiisuuf, dubbi jalqabuu, gabaabsuuf, mi‟essuu/miidhagsuu, addaan kutuu fi walitti qabuu/goolabuuf fayyadamaa turaniiru.

Description

Keywords

Citation