Xiinxala Caasaa Himaa Kitaaba Barattootaa Kutaa11ffaa,Caasluga Afaan Oromoo Jiildii-1,Furtuufi Tuujuba Keessatti

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu’eel (PhD)
dc.contributor.authorBalaayin, Shifarraw
dc.date.accessioned2019-04-22T06:44:55Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:48Z
dc.date.available2019-04-22T06:44:55Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:48Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa kitaabilee wabiifi barnootaa Afaan Oromoo keessaatti akkaataa dhiyeenya caasaa himaa xinxaluu, haala dhiyeenya caasaa himaa irratti hanqinoota muul’atan adda baasuu,walitti dhufeenya kitaabilee wabiifi barnootaa giddduu gama caasaa himaatiin jiru sakkatta’uufi hanqina jiraniif yaada hayyooti qophii caasaa irratti kennaan irratti hundaa’uun yaada gabbisaa eeruu yemmuu ta'u,kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf maddi ragaalee madda ragaa sadarkaa tokkoffaafi madda ragaa sadarkaa lammaffaati.Sakkatta'a kiaabilee, daawwannaa dareefi bargaaffiin barsiisotaaf dhiyaateen odeeffannoon funaannamaniiru. Qorannichis, gosa qorannoo waliin maadaaluutiin(comparative research) kan dhiyaate ta‟ee, saxaxa ibsaan kan ibsameefi mala iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo(porpusive sampling) fayyadameera.Odeeffannoo funaannaman irratti hundaa'uun qaaccessa taasifameen kitaabileen wabiifi barnootaa haala dhiheenya caasaa himaa irratti,qooddii caasaa hmaa,fakkeenyota caasaa himaafi balballoommii caasaa himaa irratti garaagarummaa qabaachuun isaanii hubatameera.Kunis kitaabi Furtuu,Tuujubaafi kitaabni barnootaa caasaa himaa bakka afuritti kan qoodan yoo ta’u,kitaabni CAOJ-1 immoo xaximaafi leexima jechuun bakka lamatti qooda.Kana malees kitaaba barnootaa keessatti himni xaxamaan fakkeenya hima dacha xaxamaa ta’ee dhiyaatee jira.Kanaaf adda addummaa kana dhabamsiisuuf'qopheessitootni kitaabilee wabiifi barnootaa waliin mari'achuu,hanqina gama dhihenya caasaatiin muul'atan yeroo yeroon sakkatta'uun fooyyessuufi kitabileen yemmuu qophaa'an hayyoota afaanii gulaalchisuun barbaachisaa akka ta'e qoronnoo kana keessatti ibsameera.Walumaagalatti, qorannoon kun caasaan himaa afaan dhalootaa barachuu keessatti qabu ilaalchisee hubannoo ni uumaen_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18096
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Caasaa Himaa Kitaaba Barattootaa Kutaa11ffaa,Caasluga Afaan Oromoo Jiildii-1,Furtuufi Tuujuba Keessattien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Shifarraw Balaayin.pdf
Size:
1.29 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: