Mata dureen qorannoo: Himteewwan naannoo Aanaa Bachoo ija afoolessaa, Xinqe’ee aadaafi ilaalcha hawaasichaatiin (kaleessaafi har’aa).

No Thumbnail Available

Date

2025-04-30

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Mata dureen qorannoo kanaa “Himteewwan Naannoo” Aanaa Bachoo Ija Afoolessaa, Xinqe’ee Aadaafi Ilaalcha Hawaasichaatiin ( Kaleessaafi Har’aa) Sakatta’uudha.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa ijoodubbii qorannoo afoolaa kan tahe “Himteewwan Naannoo” Aanaa Bachoo Ija Afoolessaa, Xinqe’ee Aadaafi Ilaalcha Hawaasichaatiin (Kaleessaafi Har’aa) irratti xiyyeeffachuutiin, mala akkamtaan, ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaa, akkasumas, barreeffamaafi suursagaleen odeeffannoo argaman guuruutiin sakatta’uudha.Ka’uumsi Qorannichaas, inni duraa, mancaatiin naannoo irra gahaa jiru qorannoo afoola Oromoo keessatti heddumminaan dhibuu, kan lammaffoo, Himtee Naannoo bu’ureeffachuutiin Hariiroo Namaafi Naannoo akka-malee (unjust) qorachuufi qolachuuf Hanqina malaafi Yaaxxina jirutti waa gumaachuuf, akkasumas, sadaffoo qorattoota gama kanaan fedhii qabaniif karaa saaquufi fakkeenya tahuudha.Akka argannoon qorannichaa agarsiisutti hawaasni Aanaa Bachoo, Amantaa anaa-dhufaa(kan ganamaa/native) fi Amantii alaa-dhufaa(externally induced religions) kaleessas har’as kan gaggeessu tahuusaa; bakkeewwan Amantaa itti gaggeessus, tulluu, malkaafi abdaarii ykn qoolloo, bakka dhibaayyuu naannoo qe’ee ofiisaaniitti (sacred groves/forest and trees); Bakkeewwan sunis dur kan kabajaafi kunuunsi akkasumas, eegumsi taasifamu yoo tahu har’a garuu, tulluuwwan Meeshaalee ijaarsaa kan akka dhagaa, cirrachaafi biyyoo kkf jecha qotamaafi mancahaa kan jiran tahuu; akka fakkeenyaattis Tulluun Ganjiifi Tulluun Qonyee balaa kanaaf kanneen saaxilaman tahuu ragaan mirkaneeffameera.Yeroo ammaa haalli qabiinsa malkaa, tulluufi bakkeewwan naannoo qorannichaa kan akka bakkeewwan dhibaayyuu ykn abdaarii ganda tokko tokko keessatti sadarkaa badiinsaa irra jiraachuufi iddoowwan seena-qabeeyyii tahan mancahuun dhaloota lafaa-dhufaan waan dhaalu dhabuun yaaddoo Uummata naannichaa tahuu; akkasumas; akka Aanaa Bachootti bakkeewwan akka Aartuu ykn Xabalaa(bishaan ho’aa), burquufi tulluuwwan, maqaa qaban manneen Amantii Ortodoksiitiin dhuunfatamuun maqaa dur ittiin beekaman dhabuu caalaa bakkeewwan kanneen irratti uummanni mirga abboomuu illee (yoo kan amantii ykn bultoo sanitti hin bulin) mulqamuun yaaddoo tahuusaafi dhaloonnis seenaafi eenyummaa isaanii akka hin dhaalleefi hin kunuunsine, hin eegne taasifamuu kan jedhu, ragaalee argaman keessaa isaan muraasa. Maayiirratti, rakkinichaaf furmaata waaraa kan tahu uummanni naannoo, waajiraalee mootummaafi miti mootummaa naannicha jiran waliin tahuutiin mancaatii naannoo irra gahaa jiru dhaabsisuu, bakkeewwan diigamaniifi qotaman, mukkeenirraa ciraman, hatattamaan akka mancaatiin sun itti hin fufne gochuu, deebisanii muka dhaabuufi kunuunsuu, akkasumas, eegumsa barbaachisu gochuufi uummanni naannichaa mala-marii tolfatee Aadaa naannoosaa dhaloota ittiin dhaalchisu akka deebifamuufi jabeeffatutti Biiroon Aadaafi Turiizimii Aanichaafi kanneen dhimmi kun isaan ilaallatu itti gafatama isaanii bahachuu qabu kan jedhu qorannichi akeeka.Qorattoonni aadaafi afoola Oromoos, sadarkaa qorannoo adda addaatti gara sanitti yoo bobbahan rakkoo qorannoo kun hin furin yookiin hin akeekin furuuf kallattii kaahuu malu.

Description

Keywords

Himteewwan Naannoo” Aanaa Bachoo Ija Afoolessaa, Xinqe’ee Aadaafi Ilaalcha Hawaasichaatiin ( Kaleessaafi Har’aa) Sakatta’uudha.

Citation