Xiinxala Yoomessa Asoosama Dheeraa “Dhiigni Dhiiga Hindhabuu”
No Thumbnail Available
Date
2014-02-01
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun boqonnaalee shan kan of keessaa qabu yoo ta‟u, boqonnaa tokko seensa, boqonnaan lama, sakatta‟a barruuwwanii, boqonnaan sadi malleen qorannoo, boqonnaan afur,qaaccessa ragaaleefi boqonnaan shan guduunfaa, argannoofi yaboo kan of keessaa qabaniidha.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa qaacceessa yoomessa asoosama dheeraa „dhiigni dhiiga hin dhabu‟ yoo ta‟u kunis yoomessawwaan asoosamicha keessatti argaman adda baasuu,
ga‟ee tokkoon tokkoon caacculee asoosamichaa afoolli asoosamichaa yoomessaaf gumaachaniifi haala qabatamaan hawaasa keessatti mul‟atu asoosama „dhiigni dhiiga hindhabu‟ jedhu keessatti qaban ibsuudha.Milkaa‟ina kaayyoo kanaafis kitaaba asoosamaa„Dhiigni dhiiga hin dhabu‟ jedhu bifa sakkatta‟a dookumentiin sakkatta‟ameera.Qorannoon tokko mala ittiin adeemsifamuu qaba. Kunis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qorannoon kun adeemsifameera. Akkasumas iddattoo akkayyootti tajaajilamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Tokkoon tokkoon yoomessa asoosamicha keessatti argaman, ga‟ee caacculeen
asoosamichaafi afoolli yoomessaaf gumaachaniifi haala qabatamaa mul‟atuufi yoomessi asoosamichaa hammam akka walgitu akka mul‟atu ibsamera.