Qaaccessa Waallee Geengoo Qulqullina Barnootaa: Haala Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Haroo Naadoo Aanaa Mana Sibuun
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa Geengoo qulqullina barnootaa keessatti waallee dubbiisaa qaaccessuu yemmuu ta’u, akka mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Haroo Naadootti wanti jedhamuufi godhamu ergaa maalii akka dabarsu, Barsiisotaafi barattoota biratti ilaalcha akkamii akka qaban sakatta’uudha. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf wanti na kakaase, mala baruufi barsiisuu raayyaa misooma barnootaafi tokko shanee keessatti dhimma barumsaan walqabsiisanii siyaasa gaggeessaa waan turaniif, ammas geengoo qulqullina barnootaa keessatti wantootni jedhamaniifi wantootni hojjetaman maal fakkatu kan jedhu ergaasaa sakatta’uufiidha. Yaaxxinoota kanneen akka yaaxina haasgochaafi yaaxxina hariiroo xinqooqa hawaasaa fayyadameera. Bu’uuruma kanaan qorannoon kun malleen qorannoo jalatti odeeffannoon Afgaaffii barsiisotaafi hoggantootaa, mariin garee barattootaafi daawwannaa daree barattootaan funaanameera. Ragaan funaaname jechaan waan ta’eef jechumaan hiikamee mala akkamtaan hiikamee ibsamee taa’eera. Argannoowwan qorannoo kana irraa argaman akka mul’isanitti, Ilaalchi barsiisonniifi barattootni geengoo qulqullina barnootaa irratti qaban kan siyaasaan walqabateefi hoggantoonni duwwaan kan itti amanan ta’uu hubatamee jira. Dabalataanis, keessoon geengoo qulqullina barnootaa siyaasaan kan walqabateefi malawwan baruufi barsiisuu dura turan irraa akka hinfagaannee kan agarsiisuudha. Akkasumas, namoonni jibba qaban, mormii, komiifi aarii keessa isaanii jiru sodaa qabaniin mul’inatti kan hindubbannee bifa afoolata garaagaraan afaanitti fayyadamanii ibsachuu isaanii hubatamee jira. Malli baruufi barsiisuu kun laafaafi egeree barattootaaf bu’aa kan hinqabne ta’uusaa hubatamee jira. Akkasumas, GQB ilaalchisee yaadota bifa raayyaa misooma barnoota qaban keessaa haquun osoo barnoota giddugaleessa gochuun mootummaan dhimma barnootaa qaama barnootaa duwwaaf kennee gaariidha. Dabalees Ilaalchonni dhimma siyaasaa of keessaa qaban qulqullina barnootaa irratti gufuu waan ta’aniif barnootni otoo of danda’ee biiroo barnootaan seekularii ta’ee of bulchee akka furmaataatti ka’amaniiru