“Qaaccessa Qooda Dubartootaa Asoosamoota Hawwiifi Kudhaama Jaalalaa Keessatti: Ija Feeminiizimiitiin”

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mataduree „Qaaccessa Qooda Dubartootaa Asoosamoota Hawwiifi Kudhaama Jaalalaa Keessatti: Ija Feeminiizimiitiin‟ jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon guddaa qorannoo kanaas asoosamoota Hawwiifi Kudhaama Jaalalaa yaaxxina Feeminiizimiitiin qaaccessuurratti kan xiyyeeffatedha. Qorannichaaf ka„umsa kan ta‟e qeeqa gama og-barruu Oromoon dhimmoota qooda dubartootaa ilaalchisee yaaxxina Feeminiizimiitiin kanneen qorataman baay„inaan mul„achuu dhabamuufi hojiileen asoosamoota Oromoo irratti hojjetaman muraasa ta‟uu isaati. Gosti qorannoo qorataan gargaarame qorannoo akkamtaa yookiin qulqulleeffataati. Kanas odeeffannoo mala sakata‟insa kitaabaatiin (harshammeetiin) kan funaannamedha. Haaluma kanaan asoosamoota Oromoo jiran keessaa asoosamoota „Hawwii‟fi „Kudhaama Jaalalaa‟ filachuun, gaaffiiwwan qooda dubartootaa gama hawaasummaan, diinagdeen, barnootaan, amantiifi gama siyaasaatiin qabantu qaacceffame. Akkasumas, Tooftaaleen dubartootni asoosamoota filataman keessatti fayyadaman asoosamoota lamaanuu keessatti qaaccessamaniiru. Bu‟uuruma kanaan qaccessichi qabxiilee tarreeffaman kana jalatti hafeewwan adda addaa asoosamicha keessaa kan fudhatamedha. Kanaafuu, bu„aan qorannichaa qooda dubartootaa ilaalchisee gama hawaasummaan, asoosama Hawwii keessatti dubartoonni rakkoo isaan qunname kunuunsa waliif taassisuufi furmaata walii kennuun yoo ibsamu; asoosama Kudhaama Jaalalaa keessatti immoo dubartoonni gaheen isaanii mana keessa, dhiironni immoo gara bakkee ta‟uun ibsameera. Gama diinagdeetiin asoosama lamaanuu keessatti dubartoonni qabeenyaan kan of danda„aniifi hirkatoo ta„uun dhiyaatan. Kanaafuu, argannoowwan eeraman kana irratti hundaa‟uun hayyoonni Oromoo bifa adda addaatiin dhimmoota kana fakkaatuun asoosamoota kanas ta„ee, kitaabota biroo irraatti qorannoo bal‟aa gaggeessuun hawaasni akka irraa baratuuf namni hunduu gahee isaa akka bahu gochuun gaarii ta‟a kan jedhu yaada qoratichaati.

Description

Keywords

Citation