Qaacceessa Jijjiirama Moggaasaa Maqaa Ammayyaa Daa‟Imman Godina Shawwaa Kibba Lixaa Aanaa Amayyaa

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kayyoon qorannoo kanaas qaacceesa Jijjirama moggaasa maqa hammayyaa daa‟ imman Oromo Godina Shawa Kibba Lixaa Anaa Amayaa magalaa Gindoo yeroo ammaa moggafamaa jiraan Qabiyyee isaanii bu‟uurri moggaasa maqaalee yeroo ammaa, maqaaleen yeroo ammaa moggaafamaa jiraan akkamiin akka maggoofaman, haalaa aadaa hawwasichaa eeganii moggaafamaa jiraachuu isaanii adda baasuudha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uufis malli qorannoo filatame, qorannoo ibsaati. Ragaan qorannoo kanaa karaa sakatta‟insa galmee maqaalee barattootaa, karaa af-gaaffiifi marii garee manguddootaa, maati da‟imani, barsiisotaafi ogeessota aadaafi tuurizimii aanichaa irraa waliti qabamee jira. Ragaan sakatta‟insa galmee maqaalee irraa argame, odeeffannoon afgaaffiin maanguddootaafi oggeessota irraa argame mala akkamtaatiin, qaacceffamee ibsamee jira. Ragaan bifa kanaan sassaabame xinxalame akka ibsutti maqaaleen da‟imman Oromoo durii akka aanaa Amayaatti haala adda addaan moggaafamuu akka danda‟amu odeef-kennitoonii ibsanii jiru. Haaluma kanaan moggaasni maqaa dhuunfaa Oromoo ganamaa haala irratti hundaa‟uun moggaafamaa turan keessaa muraasni: hammachiisaan, guddifachaan, maatiin, moggaasa gaa‟eelaan raawwatamuu danda‟a jechuun ibsan.Mogggaasi maqaalee daa‟immanii yeroo ammaa kan maatiin gaggeeffamu akkuma jirutti ta‟ee, olaantummaa guddaan kan maqaa moggaasu akkoofi akaakaa osoo hin ta‟in abbaafi haadha daa‟immaniitii. Qabiyyee maqaalee yeroo ammaa aanicha keessatti moggaafaniis irra guddaa isaa kan irratti xiyyeeffatu Siyaasaan, hawwiifi Abdii, yeroo ykn Waqtiilee, iddoo dhalootaa, amantii, haala yeroo dhalootaa (gaddaafi gammachuu), miidhagina Qaamaa, sabboonummaan, Biqiltootaanfi dinqisiifannaa irratti kan xiyyeeffatan ta‟uu isaa hubatamee jira. Kana malees qorannoo kan keessatti wanti hubatame biroon amala maqaaleen amma moggaafamaa jiran kan duraanii irraa adda ittiin bahan yeroo ta‟u amolooti kunninis bakka sadiitti qoodamanii dhiyaatanii jiru.Amalli tokkoffaan Amala Hiikaa yeroo ta‟u maqaaleen yeroo ammaa moggaafaman hikaan maqaa addunyaa fakkaatuun mogaafachuutu mul‟ata.Amalli inni biroon amala caasaati. Caasa ilaalchisee amala caasaa jechaafi himaa maqaalee daa‟imman Oromoo yeroo ammaa moggaafamaa iirantu ilaalame. Caasaa jechaa ilaalchisee maqaaleen ragaaf guuraman harki caalaan kan umaman mala suphiinsaa (blending)fi makootiin. Caasaa Himaa ilaalchisee immoo maqaaleen yeroo ammaa moggaafamaa jiran, hindi isaanii jechuun hindanda‟ama, unkaa himaa qabu. Amala koorniyaa ilaalchisee immoo yeroo ammaa kana kan moggaafamaa jiran koorniyaa addaan fo‟uu dhabuu isaaniiti. Qorannoo kana keessatti qabxii biroon ilaalame namoonni maqaa duraan ture dhiisanii maalif akka kan ofii barbaadan akka moggaafatanifi moggaasan sakatta‟uunn yaalamee jira. Akka odeef kennitoonni ibsanittis sababiin jijjiirama moggaasaa duraa duubaan hammayyummaa, Sabboonummaa, maqaalee Duraan Turan Jibbuu, amantiifi siyaasa akka ta‟e qorannoon kun ni mirkaneessa. Dhuma irrattis maqaaleen kun gadifageenyaan qoratamanii haala duudhaafi aadaan Oromoo hayyamuun osoo kallattiin itti barsiifamu eeramii gaariidha kan jedhu yaboon kennamii jira.

Description

Keywords

Citation