Xiinxala Dhiyaannaafi Tooftaawwan Hiika Jechootaa Barsiisuu Barnoota Afaan Oromoo Kutaa Kurnaffaa

dc.contributor.advisorFufaa, Tolamaariyam(PhD )
dc.contributor.authorMargaa, Sisaay
dc.date.accessioned2018-07-20T08:48:10Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:12Z
dc.date.available2018-07-20T08:48:10Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:12Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractKaayyoo gooroon qorannoo kana dhiyaannaafi tooftaawwan hiika jechootaa Afaan Oromoo barsiisuu barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hojiirra oolaa jiru xiinxaluudha. Galma gahiinsa kaayyichaaf kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa kutaa10ffaa xiyyeeffannoon sakatta‟ameera.Qaaccessa kanaan hanqinoota mul‟atan adda baasuun yaada furmaataa kennuuf ammoo,gosa qorannoo makoofi saxaxa ibsaatti dhimma bahame. Akkasumas, kitaaba barataa, mana barnootaa, barattootaafi barsiisonni akka iddattootti filatamani. Sakatta‟insa kitaaba barnootaatti dabaluun hirmaattonni qorannoo kanaa barattoota 93fi barsiisota Afaan Oromoo barsiisan sadi iddatteeffamaniiru. Barattoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan iddatteessuu carraa tasaan (lootorii) kan filataman yommuu ta‟an, barsiisonni ammoo, iddatteessuu ammargeen (convenient sampling) filatamani.Malli odeeffannoon ittiin funaaname sakatta‟insa kitaabaa, bargaaffiifi afgaaffiidha. Odeeffannoon sakatta‟insaafi afgaaffiin argame mala akkamtaan kan qaacceffameefi kan bargaaffiin argame ammoo, mala hammamtaan qindaa‟ee qaacceffame.Akka ragaaleen qaacceffaman mul‟isanitti, dhiyaannaafi tooftaawwan hiika jechootaa barsiisuu kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa hanqina qabaachuu isaati. Gabaabumatti, argannoon qorannoo kanaa dhiyaannaan gochaalee hiika jechootaa kitaabicha keessatti argamu galumsa dubbisaatiin barattoota shaakalsisuuf xiyyeeffannoo kan hinkennine ta‟u; haalli dhiyaannaa gochaalee hiika jechootaa walittidhufeenya jechoonni walii isaanii waliin qaban barsiisuuf xiyyeeffannaa kan hinkennineefi tooftaa barsiisonni hiika jechoota barsiisuuf hojjomsaa jiran hariiroo jechoonni waliin qaban kan hinmul‟isneefi gochaaleen dandeettii hiika jechootaa barattootaa cimsuuf kitaaba barataa keessatti dhiyaatan harki caalaan isaanii fedhii, sadarkaafi dandeettii barattootaa giddu-galeessa godhatani kan hindhiyaanne ta‟uun argannoo qorannichaa warreen gurguddoodha. Dhumarratti, argannoo qorannoo kanarraa ka‟uun, yaadonni furmaataa: Qopheessitoonni meeshaalee sirna barnoota afaanii irratti hojjetan kaayyoon waliigalaa hiikni jechootaa baratamuufi tooftaa gochaaleen hiika jechootaa kitaaba barataa keessatti dhiyaachuu qabaniin walsimsiisanii dhiyeessuun, barattoonniifi barsiisonni afaanicha baratan akka bu‟aa argatan taasisuu irra darbee sadarkaa guddina afaanichaaf gahee olaanaa akka qabu hubatamee xiyyeeffannoon keessa deebi‟amee fooyyaa‟uu qaba. Hamma kitaabichi qaama dhimmi ilaaluun xiyyeeffannoo argatee fooyya‟utti barsiisonni tooftaalee hiikni jechoota ittiin dhiyaachuu qaban bu‟uura godhachuun barattoota deeggaruun, galma gahiinsa sagantaa barnoota afaaniif gumaachuu qabuun dhaamsa qoratichaatien_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9546
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectDhiyaannaafi Tooftaawwan Hiika Jechootaaen_US
dc.titleXiinxala Dhiyaannaafi Tooftaawwan Hiika Jechootaa Barsiisuu Barnoota Afaan Oromoo Kutaa Kurnaffaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Sisaay Margaa.pdf
Size:
1.06 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: