Xiinxala Qabiyyeefi Bifiyyee Mammaaksota Oromoo Gorsa Eeyyantaa Namaa Kennuuf Oolan: Haala Aanaa Qarsaa Maallimaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, Qabiyyeefi bifiyyee Mammaaksota Oromoo gorsa eeyyantaa namaa kennuuf oolan, xiinxaluun ibsuudha. Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta’eef, mala qorannoo akkamtaatiin ibsame. Maddi raga qorannichaas, madda raga tokkoffaafi madda raga lammaffaa kan of keessatti qabatudha. Kanaaf, akka madda ragaa tokkoffaatti namoonni odeeffannoon irraa funaaname, manguddoota Oromoo waa’ee mammaaksaa gadifageenyaan beekanirraati. Meeshaan ragaaleen ittiin funaaname ammoo, mala afgaaffiifi marii garee xiyyeeffataati. Maddi ragaa lammaffaan ammoo, sakatta’a dookumentiin kan argamedha. Innis, kuusa yaadannoo Mammaaksota Oromoo Waajjira Aadaafi Turizimiitiin, hawaasa aanichaarraa walitti qabamee ol taa’e sakatta’uun funaanameera. Malli idaattessuu ammoo, idaattessuu miti-carraa yoo ta’u, gosa iddatteessuu kanneen keessaa iddatteessuun dhimma itti bahame idaattessuu akkaayyoofi iddatteessuu darbaa dabarsaati. Kanaafuu, qorataan dura waajjira Aadaafi Turizimii aanichaa mariisisuudhan namoota aanichaa keessaa waa’ee Mammaaksa Oromoo sirritti beekan erga gaafateen booda, ragaalee qorannichaaf isa barbaachisan walitti qabateera. Dabalataanis, qorataan manguddoota mammaaksa beeku jedhamanii eeramanirraa odeeffannoo yeroo fudhachaa ture, manguddoota mammaaksa Oromoo sirriitti beekan kan biroo akka isaaf eeran gaafachuudhaan namoota eeraman kanneenirraa ragalee walitti qabateera. Xiinxala ragaalee taasifameen, argannoowwan garaa garaatu argame. Isaanis: Mammaaksonni Oromoo gorsa eeyyantaa namaa kennuuf oolan qabiyyeefi bifiyyee adda addaa qabaachuu isaaniiti. Akkasumas, hawaasicha keessatti manguddoonni irra jireessaan mammaaksatti gargaaramuunii namoota gorsuun beekamu. Namoonni umurii waggaa kudha saddeetii hanga manguddummaa gidduu jiran ammoo nigorsamu. Kana malees, mammaaksatti gargaaramanii nama gorsuun hawaasichaaf faayidaalee garaa garaa niqaba. Dhumarrattis, mammaaksi yoomessa murtaa’aa akka hinqabne bira gahameera. Argannoo kana bu’uura godhachuun: hawaasni Oromoo mammaaksota gorsa eeyyantaa namaa kennuuf oolan baay’inaan qabu kanneen kanneen haaluma kanaan jajjabeeffamanii tajaajilaaf dhiyaachuu qabu. Bifiyyeen mammaaksonni gorsa eeyyantaa namaa kennuuf oolan qaban kunis, bifuma kanaan kununfamanii tajaajilaaf yoo dhiyaatan gaariidha. Akkasumas, hawaasa Oromoo keessatti mammaaksaan namoonni gorsaman namoota umurii waggaa kudha-saddeetii olii waan ta’eef, ijoolleefis hiika mammaaksa mammaakamee hubachiisuun mammaaksan gorsi eeyyantaa osoo kennameef, ergaa mammaaksan darbu hubachaa akka guddatan isaan taasisa. Dhumarratti, mammaaksi yoomessa dhaabbataa waan hinqabneef, hawaasni Oromoo lafa dogoggora walirratti arge maratti mammaaksatti dhimma bahee walgorsachuu qaba.

Description

Keywords

Qabiyyeefi Bifiyyee Mammaaksota Oromoo Gorsa Eeyyantaa

Citation