Qaaccessa Adeemsa Raawwiifi Fakkoommii Meeshaalee Sirna Ayyaana Ateetee Oromoo: Aanaa Dandii

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Ka‟uumsii qorannoo kanaa adeemsi raawwii ateetee maal akka fakkatu dhaloonni ammaa hubannoo bal‟aa hin qabu. Meeshaaleen ateetee yeroo ammaa maalirra akka jiraniifi fakkoommii isanii irratti qorannoo gahaan hin gaggeefamne.Namoota gara fuulduraatti qorannoo gaggeesaniif ciicata ta‟uu danda‟a. Kaayyoo gooroon qorannichaas Adeemsa Raawwii ateetee qaacceessuudha. Malli qorannichaa mala qulqulla‟inaa (qualitative) yoo ta‟u tooftaa darba dabaarsaa fayyadameera. Malleen funaansa ragaalee qoranniichaa hojii irra olaan afgaffiifi yoomessa uumamaa keessatti argamuun daawwachuudha. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman immoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qacceeffamaniru. Adeemsa kana hordoofuun hojii qorannoo kanan bira ga‟aman: adeemsa raawwii ateetee,gahee hirmmaattota sirna ateetee,meeshaaleen ateetee meeshaalee yeroo biraa itti fayyadaman akka hintaane,dhangaan ayyaana ateeteef qophaa‟u midhaan garbuu haadhoo irraa ta‟uu akka qabu, meeshaaleen sirna ateetee baay‟een siileetti akka ta‟an ,meeshaaleen kunneen fakkoommii mataa isaani akka qaban hubannoon hawaasni fakkoommii meeshaalee ateetee irratti qabu laafaa akka ta‟e,meeshaaleen ateetee badaa akka jiraniifi ilaalchi hawaasni ateeteef qabu gadi bu‟aa akka ta‟e fa‟a.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation