Qaaccessa Sadoommii Kitaaba Walaloo „Mil‟Uu Mul‟Ataa‟

No Thumbnail Available

Date

2021-02-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa sadoommii kitaaba walaloo “Mil’uu Mil’ataa” keessatti argaman addaan baasuun qaaccessuudha. Milkaayina kaayyoo kanaafis kitaaba walaloo“Mil’uu Mul’ataa” jedhu bifa sakatta’a dookumeentiin sakatta’ameera.Qorannoon tokko malaittiin adeemsifamu qaba.Haaluma kanaan qorannoo kana keessatti malli qorannoo akkamtaa hojiirra ooleera. Akkasumas iddattoo akkayyootti tajaajilamuun qorannoon kun gaggeeffameera.Gosoonni sadoommii kitaaba walaloo kana keessatti argamaniis lakkoofsan sagal yoo ta’an,isaanis: nameessuu, akkasaa, arbeessuu, iddeessuu, mitihee, tuqsee, ate, agiboofi mallattoodha.Dabalataanis sadoommiin kitaaba walaloo kana keessatti akka haala salphaa ta’eeniifi wanta jedhamuuf yaadameen alatti dubbisaan yookaan dhaggeeffataan yaada waloo hubatuuf sadoommii gargaaruun isaa argannoo hojii qorannoo kanaati. Qammolee ijaarsa walalookeessa qorannoon kun sadoommii qofa kan ilaalu waan ta’eef, qorannoon biraa qaamota biraa kitaaba walaloo kanarratti osoo adeemsifamee kan jedhu, yaada furmaata qoratichi lafa kaa’edha.

Description

Keywords

Citation