Xiinxala Sirna Raawwii “Araara Harka Rigaa” Oromoo Kamisee Aanaa Jiillee Dhummuugaa

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa sirna raawwii araara harka rigaa Oromoo Kamisee Aanaa Jiillee Dhummuugaa xiinxaluudha.Qorannoo kana gaggeessuudhaaf wanti qorattuu kakaase dhimmoota gurguddoo sadiidha.Inni jalqabaa; sirna araaraa naannoo sanatti beekamuun adda ta’e argachuu isheeti. Lammaffaan aadaa naannoo biraatti hin beekamne kana qorachuuf fedhii dhaan guutamuu isheefi sadaffaan dhimmi kun qoratamee waan hin beekneef qoratamuun murte essaa ta’ee waan itti mul’ateefidha.Odeef- kennitoota qorannoo kana irratti hirmaatan keessaa manduggootaafi dargaggoota aanaa JiilleeDhummuugaa keessa jiraatan keessaa mala iddattees suu kaayyeffataa (purposive sampling)tti fayyadamuun filatamaniiru. Ragaalee qorannoo kanaaf oolu funaanuufis af-gaaffii, daawwannaafi marii garee fayyadamteetti.Ragaalee meeshaalee kan neeniin funaanaman akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniijiru. Akkasumas fakkoommiin wan toota sirna sanaaf barbaachisaniifi mul’atanii ibsamaniiru. Argannoon Qorannoo kanaa akkaa taan adeemsa manduggummaa nama wal ajjeesee ittiin araarsan waldhabbii gosa Kaan irraa adda ta’uufi qalmi araara harka rigaaf taasifamu eessumman gurbaa nama ajjeeseen malee namni biraan qaluu kan hin dandeenye ta’uunsaa argamee ibsameera.Maloota kanneen itti garga aramuun sirni duudhaa kun adeemsi isaa jalqabaa hanga dhumaatti bifa barreeffamaatiin; akka sumas viidiyoon waraabamee dhalootadhufuuf gooda hambaa keessa osoo kaahame; adeemsi sirnichaafi duudhaan sabichaa akka hin badneef eegumsa gochuuf qooda olaanaa qaba. Walu maagalatti qorannoo kana keessatti yaada furmaata ta’a jedhamee kan kaa’ame ,jaarsoliin biyyaa itti gaafatamtoonni aadaafi turizimiifi namoonni dhimma kana irratti qorannoo gagge essan hundi adeemsi sirna raawwii araara harka rigaa, meeshaalee sirna sana irratti barbaa chisaniifi nyaanni sirna sanaaf qophaa’u xiyyeeffannoon itti kennamee bifa qabatamaa ta’eefi waraabbiin kaa’amuu qaba.

Description

Keywords

Citation