Qaaccessa Dhiyaannaa Caasaa Jechaafi Hima Afaan Oromoo Kitaabilee Barumsaa Kutaa 9fi 10

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannichaa dhiyaannaa caasaa jechaafi hima Afaan Oromoo kitaabilee barumsaa Kutaa 9fi 10 qaaccessuudha. Innis, caasaa jechaafi himaa kitaabilee kanneen keessatti dhiyaatan sakatta’uufi qaaccessuun ibsuudha. Qorannichaaf qabxiin bu’uura ka’uumsaa ta’e rakkoolee caasaa jechaafi hima Afaan Oromoo kitaabilee barumsaa kutaa 9fi 10 keessatti dhiyaatanii mul’atan adda baasuu, rakkoolee mul’ataniif furmaata kaa’uufi garaagarummaa dhiyaannaa caasaa jechaafi himaa kitaabilee lamaan gidduu jiru adda baasuun qaaccessuudha. Kanas adda baasuun yaada furmaataa kennuuf ammoo, gosa qorannoo ibsaafi mala sakatta’iinsa dokumeentiitti dhimma bahameera. Kitaabileen barumsaa Barnoota Afaan Oromoo kunneenis akka iddattootti filatamaniiru. Meeshaan odeeffannoon ittiin funaaname sakkatta’iinsa dokumeentii/kitaabilee iddatteeffamaniiti. Odeeffannoon sakkatta’insaan fuunaaname mala akkamtaan/ibsaan qaacceffameera. Akka ragaaleen qaacceffaman mul’isanitti caasaa jechaafi hima Afaan Oromoo irratti kitaabilee barumsaa kunneen, caaseffama caasaalee, haala ibsaa isaaniifi fakkeenya kennamanii, bu’uura qooddiiniifi kkf. irratti hanqinni jiraachuun hubatameera. Gabaabumatti, argannoon qorannoo kanaa kitaaba baraataafi qajeelcha barsiisaa kutaa 9fi10 keessatti caasaa jechaafi himaa gama balballoomsa jechootaa, moggaasa jechootaa, sirnaan caaseffamuu dhabuu jechoota tishoo, caaseffama dhamjechootaa, jechootaafi qaamolee isaa, qooddiifi ibsa dhamjechootaa, garee jechaafi gaalee, ciroofi gosoota isaa, himaafi gosoota himaa, kutaalee himaafi yaadrimee isaanii ilaalchisee qabxiileen dhiyaatan garaagarummaa rakkoo caasaa qabaachuu isaaniti. Dhumarratti, argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun yaadonni furmaataa, hariiroo kitaabileen kunneen qabaachuu qabaniifi qopheessitoonni kitaabilee barumsaa Barnoota Afaan Oromoo maalummaa jechaa, garee jechootaa qooduu, gaaleefi gosoota gaalee, qooddii himaafi kutaalee himaarratti xiyyeeffannoo guddaa taasisuun hojii baruufi barsiisuu gabbisuuf yaadoleen qoratichaan dhiyaatan akka yabootti kaa’amaniiru. Dabalataanis, kitaabilee barumsaa qopheessuu, fooyyessuu ykn jijjiiruu keessatti qopheessitoonnis ta’ee gulaaltonni yeroo gahaa qabaachuun akka hojjetan ta’uufi gulaaltonnis xiyyeeffannoo olaanaafi of eeggannoo cimaa taasisuun yoo gulaalan hanqinaalee dhiyaannaa caasaa jechaafi himaa kitaabilee barumsa Afaan oromoo keessatti mul’ataniif yaada furmaataa ta’uu danda’u kan jedhu qoratichaan yaada furmaataa ykn yaboo keessatti kaa’amee jira.

Description

Keywords

Citation