Xiinxala Hubannaan Dubbisuu Barattoota Kutaa 7ffaa Fi 8ffaa: Haala Mana Barumsaa Afaan Oromoo Burqaa Wayyuu Sad.1ffaa

dc.contributor.advisorDheeressaa, Dinqeessaa (PhD)
dc.contributor.authorMokonnon, Warquu
dc.date.accessioned2020-11-16T07:44:47Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:04Z
dc.date.available2020-11-16T07:44:47Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:04Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractKaayyoon gooroo qorannoo kanaa hubannoo dubbisaa barattoota kutaa 7ffaa fi 8ffaa Afaan Oromoo Finfinneetti baratan xiinxaluudha. Qorannoon gaggeeffame kunis kutaa bulchiinsa magaalaa Niifas Siilki Laaftootti, Mana Barumsaa Burqaa Wayyuu sad.1ffaa-tti. Manni barumsaa kunis mala iddattoo kaayyootiin filatame. Sababni isaas qorataan xiyyeeffannoo hubannoon dubbisuu barattoota Afaan Oromoo xiinxaluudha. Akkasumas, qorannoon mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa (makootiin) hojjetame. Kana malees, qorannoon kun barattoota 209 dareewwan 5 ta’an keessaa barattoonni 80 mala carraa tasaatiin filatamanii ragaa akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 5—8ffaa –tti barsiisan 4 waan ta’aniif hundi isaanii fudhatamanii ragaa akka kennan taasifamee jira. Akkasumas meeshaaleen funaansa ragaalee, qormaata, sakatta’a dookimeentiifi af-gaaffii qopheessuun ragaan ittiin funaanameera. Hubannoo dubbisaa barattootaa madaaluu kan danda’u qormaanni barsiisota dippaartimeentii afaaniin qophaa’ee deebii isaa faana dhiyaate. Sakatta’a dookimeentiis barsiisonni afaanii qabiyyeewwan hubannoo dubbisaa madaaluuf gargaaran,qormaata moodeelaa kutaa 8ffaa, sem. 2ffaa, bara 2011 –tti qophaa’eefi kutaa 7ffaa tiif dubbisa kitaaba irraa abbaltii kennuun sororfamee qabxiin qaacceffamee jira. Ragaaleen funaanamanis mala xiinxala ragaalee jechaa, lakkoofsaafi dhibbentaan xiinxalamanii dhihaatanii jiru. Xiinxalli qormaataafi sakatta’a dookimeentiin barattootaa akka agarsiisutti: barattoonni baay’een ¾ ta’uu danda’an hubannoon dubbisaa isaanii sadarkaa gahaafi isaa ol keessatti ramadamanii mul’atu. Barattoonni ¼ ta’an garuu, hubannoon dubbisaa isaanii gadi aanaa keessatti galmaa’ee jira. Xiinxala af-gaaffiirraa wanti hubatame, barsiisonni tarsiimoolee hubannoon dubbisuu barsiisurratti: hubannoo gahaa dhabuu, adeemsa dubbisa duraa, yeroo dubbisaafi dubbisa boodaa eeganii hojiirra oolchuu dhiisuufi yeroos qusachuu jecha haalaan barattoota akka hin gargaarre adda bahee jira. Gama biraatiin barattoonni qabxiin gadi bu’e fedhii, kaka’umsiifi gargaarsi maatiis laafaa ta’u agarsiisa. Kana malees, tarsiimoolee dubbisa duraa waan dubbisuuf deeaman raaguufi hiika jechootaa tilmaamuu, yeroo dubbisaa ergaa dubbisaa hubachuufi hiika galumsa jechootaa kennuu, dubbisaan booda ergaa walii galaafi yaada dubbisaa jechoota mataa ofiin ibsuurratti barattoonni qabxiin gadi bu’e suuteyyiidha. Fedhiifi kaka’umsa barattootatti horuun, tarsiimoollee hubannoofi sirna barnootaa fooyyessuun hubannoo dubbisaa barattootaa ijaaruun akka danda’amu yaboon kaa’ameera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23302
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Hubannaan Dubbisuu Barattoota Kutaa 7ffaa Fi 8ffaa: Haala Mana Barumsaa Afaan Oromoo Burqaa Wayyuu Sad.1ffaaen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Warquu Mokonnon.pdf
Size:
1.18 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: