Qaaccessa Makaa Haasaa Haala Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa Aanaa Darraa

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qaaccessa qorannoo kanaa makaa haasaa Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa irratti xiyyeeffata. Gaaffiiwwan makaa haasaa Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa Aanaa Darraarratti maalfakkaata,Fayyadama makaa haasaa Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa Aanaa Darraa maalfakkaata,makaa haasaa hawaasni bakka hundatti itti gargaaramuufi makaa haasaa keessatti hiikni jechootaa sadarkaa makaa haasaa sirriitti hubatamuu danda’uu kan jedhuuf deebbii isaa bira gahuuf waliin dubbii afaaniifi caasaa Afaan Oromoo yookiin Afaan Amaaraa irratti wal makinsaan argamu gadi fageenyaan ragaaleen hawaasicha keessaa funaanaman qaaccessaan ilaalaameera. Qaacceessa kan keessatti waliin dubbii adda addaa keessatti daataa fi fakkeenyaan ibsuun ragaa funaanee qaaccessuun argannoo hawaasni afaan makaa ta’e haasaa Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa iddoo adda addaatti afaan sadarkaa dhamjechaa,gaalee,ciroofi himaatiin, kanaan manneen barnootaatti, waajjiralee adda addaa keessatti, naannoo namoonni yaada isaanii ibsachuu danda’an kamittillee bira gaheen jira. Makaa haasaa hawaasni ittiin gargaaramaa jiru kun hawaasichaaf bu’aa kan buusuufi iddoo barbaade sanatti hawaasichi kan itti tajaajilamaa jiru ta’uusaa qorannoo kanaan bira gahameera. Makaa haasaa qaaccessa caasaa walmakinsa afaan lamaan gidduu jiru irratti xiyyeefate dhumarratti dhugummaa qorannichaatiin taa’ees hawaasni haala jireenyaan sabni gosa lama ta’ee walkeessa jiraachuun makaa akka uuman kan taasiise yeroo ta’u,fayyadama afaaniirratti, hiikaa barbaachisaa ta’e hawaasa hundaa kan hin hammanne ta’uu,itti fayyadama afaanii keessaatti Sadarkaa dhamjechaa, jechaa, gaalee, ciroofi hima keessatti kan argamu ta’uu, Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa adda baafachuu yeroo makaa haasaa gaggeessan haala barbaadaniin marii gochuu,himannaa dhiyyeeffachuu,falmii gaggeessuufi namoota afaan hojii kam keessattillee makaa haaasaa kana gadi fageenyaan hubachuu hin dandeenyeef cimuu ni danda’a. hawaasni iddoo garaagarraatti hawaasa keessatti kan calaqqisu ta’uu qorannichi addeessa.

Description

Keywords

Makaa Haasaa Haala Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa

Citation