Xiinxala Afoolaa Asoosamoota Afaan Oromoo Filataman Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun afoolaa asoosamoota Afaan Oromoo filataman keessatti argaman xiinxalurratti yoo xiyyeeffatu, qorataan baarreessitoonni asoosamaa afoola adda addaatti fayyadamaanii sababa asoosamoota barreessaa jiraanirraan kan ka‘e itti fayyadama afoolaa asoosamoota keessatti maal akka fakkaatu hubachuuf ka‘umsa argatee, kaayyoolee: gosoota afoola asoosamoota kanneen keessatti argaman adda basuu; fayidaa afoolli asoosamoota keessatti qabu tarreessuu; qabiyyee afoola asoosamoota kenneen keessaa ibsuu; asooamoonni kunniin gosoota afoolaa bal‘inaan fayyadaman eeruufi walfakkeenya itti fayyadama afoolaarratti asoosamoonni kunniin qaban eeruu jedhu qabachuun qorannoo gaggeesse. Qorannoon kun qorannoo bu‘uuraa yoo ta‘u, mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennamedha. Odeeffannoo mala sakata‘insa kitaabatiin kan fuunaname yoo ta‘u, afoolota kitaabolee kanneen keessatti argamanirratti kan raawwatamedha. Afoolota funanaman kunniin akkatuma gosoota isaaniin adda baasuun qabiyyeefi fayidaa asoosamoota kanneen keessatti qaban bal‘inaan xiinxalamee jira. Dhumarratti, ragaalee xiinxalamanirratti hundaahuun argannoo qorannichaa:gosoonni afoola asoosamoota kanneen keessatti argaman mammaaksa, geerarsa, faaruu, sirboota, tapha ijoollee, kadhaafi eebbi jiraachuusaanii hubatameera. Afoolli asoosamoota kanneen keessatti argaman aadaa, duudhaa, safuu, amantaa, faalasama ummanni Oromoo dur qabu dhaloota ha‘aa hubachiisuuf sirnoonni (sirna fuudhaafi herumaa, Ayyaana Gorobbee, Ayyaana Astaroo) jiran tajaajilamuun yaa‘i asoosamoota akka guddatu ibsuuf kan fayyadaman yoo ta‘uu, sirboonniifi faaruwwaan sirnoota kanarratti sirbaman ammoo, yoomessaa agarsiisuuf akka fayyadaman, afoolonni asoosamoota kana keessatti waldiddaafi dhaamsaa asoosamootaaf bu‘uura buusaniiru. Kana malees, waliindubbii keessatti barsiisuuf, dubbi jalqabuu, gabaabsuuf, mi‘eessuu/miidhagsuu, addaan kutuufi walitti qabuu/goolabuuf fayyadamaa turaniiru. Qabiyyeen afoolota asoosamoota kanneen keessaa: mammaaksonni: kutannoo, abdii, hayyummaa kkf; geerarsoonni jiran ammoo, gootummaa, diddaa, akeekkachiisaa kkf; sirboonni jiranis; sirba jaalala (bellamachuu, hiriyyummaafi miidhagina) sirba cidhaa (mararoo,arrabsoofi faaruutu); faaruuwwanis (faaruu Ateetee, biyyaafi gootaa); akkasumas, kadhaan kan hammachiisaa, kan bunaafi eebbi akka ta‘an bira gahameera. Kana malees, asoosamoonni kunniin mammaaksaa fayyadamuurratti hundisaaniyyuu walfakkeenyaa kan qaban yoo ta‘u; asoosama Suuraa Abdii ala warri kaan geerarsaafi sirbaa faruu fayyadamuurratti walfakkaatu. Asoosamni Suura Abdii dhugeeffanna hawaasaa bifa afwalaloon fayyadamuurratti asoosamoota kaanirraa adda bahuun garagarummaa isaanii agrsiisa. Asoosamni Jala-bultii asoosamoota kanneen biroo caala gosoota afoolota adda addaa fayyadamuurratti caalmaa yoo qabaatu, asoosamni Yaadaniimmoo, mammaaksa fayyadamuurratti calmaa akka qabu hubatameera. Dhumarratti, afoola asoosamoota kanneen keessatti bal‘inaan fayyadamuun afoolli osoo hinjijjiiramiin dhalootaaf darbuu, ergaan barreessitootaa hawaasa biratti fudhatama akka argatu gochuu akka dandahu yaboo keessati ibsamaniiru.

Description

Keywords

Afoolaa Asoosamoota

Citation