Qaaccessa Qabiyyee Afaanii Jaarsummaa Haadha Warraafi Abbaa Warraa Gidduutti: Haala Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyee afaanii jaarsummaa Haadha warraafi abbaa warraa gidduutti taa‟amu keessatti argamu qaaccessuudha. Kaayyoon kana bakkaan gahuuf mala qorannoo akkamtaa fayyadameen jira. Mala mala kana fayydamuun raga waraabbii suursagaleefi sagalee yeroo jaarsummaa waraabuun, baarreeffamatti jijjiiruun garee gareetti qooduun barruun qaacceffamee jira. Kunis jaarsummaa yeroo sadii Haadha warraafi abbaa warraa gidduutti waldhabdee jiru furuuf taa‟ame hordofuun ragaa funaaname. Qaaccessa xinaadaa (socio Cultural approach) keessaatti maleenya qaaccessa haasbarruu gadifageenyaan (olaantummaa qaaccessuuf) fayyadamee kan qaacceffame ta‟ee, meeshaalee qaaccessa barruu jijjiirraa (transcription, odeeffannoo suur-sagalee barreeffamatti jijjiiruuf), maleenya qaaccessa sosochii (move analysis (fayyadama afaanii kutaalee jaarsummaa) qaaccessuufi yaaxina tajaajilaa keessatti xinqooqa tajaajila sirnaawaatiin kan qaacceffamedha. Bu‟aan qorannoo akka mul‟isuttii araara battala jaarsummaa keessatti qabiyyeewwan fayyadama afaanii akka kabaja, jaalala, sodaa, tuffii, shakkii, gaabbii, ofittummaa, garalaafummaa, gad-aantummaafi olaantummaa, cimina, falmii, aariifi oolmaa galateeffannaan kan jiran ta‟uu. Isa kanas dhiironni irra caalaa tuffii, shakkii, aarii, dabareen ala dubbachuu, ofittummaafi qabiyyee cimina mul‟isan kan fayyadaman ta‟uu. Gama biraan fayyadamni afaanii kutaalee jaarsummaa arfan kan akka kutaa baninsaa, dhaggeeffannaa, mari‟annaafi araaraa keessatti yoo argamaman isaanis sadarkaafi gulantaa fayyadama afaanii addaa addaa kan qabanidha. Araara jaarsummaa kana keessatti fayydamni afaanii koorniyaa waliin hidhata kan qabu ta‟uu isaafi fayyadamni afaanii abbaa warraa olaantummaa, tuffii, ofittummaafi jaarsoliitti amanuu kan agarsiisu, kan haadha warraa garuu, kabaja, olaantummaa abbaa warraarratti dhiisuufi walcaalmaa koorniyaa kan agarsiisu ta‟uu isaati. Fayyadamni afaanii jaarsolii immoo walqixxummaa koorniyaa milkaneessuu, haasaa jaarsummaa keessaa to‟achuufi murtoo kennuu keessatti hojiirra akka oolu kan agarsiisudha. Kanaaf, hubannoo fayyadama afaanii araara jaarsummaa keessaa dhaloota har‟aa hubachiisuuf waajjirri aadaafi tuurizimii jaarsolii muuxannoo kanaa qaban qindeessee haala dargaggootaaf muuxannoo kennanirratti hubannoo uumuun barbaachisaa ta‟uu. Gama biraan dargaggoonni hubannoo fayyadama afaanii araara battala jaarsummaa keessaa akka gabbifataniif Biiroon Barnoota Oromiyaa jaarsolii muuxannoo qaban qindeessuun barattoota akka gorsan taasisuu. Itti dabalees, dargaggoonni dhimma fayyadama afaanii kanarratti hubannoo akka godhataniif gumii afaanii manneen barnootaa keessatti leenjii kennuun hubannoo gabbisuun barbaachisaa ta‟uu. Kanaaf argannoowwan dhimma fayyadama afaanii kun hawaasicha keessatti yeroofi qabeenya xiqqaatti fayyadamuun araara milkeessuu keessatti faayidaa waan qabaniif cimee itti fufuu kan qabu ta‟ee, dhimmoonni fayyadama afaaniin walqabatee rakkoo ta‟an kun immoo kallattii taa‟ee kanaan fooyya‟uu qabuun yaaboo qorannoo kanaa kennuun qorannoon kun gudunfameera.

Description

Keywords

Citation