Xiinxala Asoosamoota Yaadaniifi Arraa Gurbaa Ija Walqabatiinsa Siyaasa Oromootiin

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Yeroo ammaa kana kitaaboleen asoosamaa hedduun Afaan Oromoon barreeffamuun hawaasa bira gahaa jiru. Haa ta’u malee, asoosamoota Afaan Oromootiin barreeffaman irratti qorannoon roga adda addaatiin taasifaman muraasa. Keessumaa qorannoon ija wal qabatinsa siyaasaa Oromootiin gaggeefaman hin mul’atan. Uummanni Oromoo sirna bulchiinsaafi siyaasaa diimokiraatawaa ta’e sirna Gadaatiin bulaa ture. Uummanni sirna diimokiraatawaa ta’een buluu bare kun ammoo, sirna bulchiinsaafi siyaasa birootti baruu dadhabuun miidhamaa ta’e. Uummanni akka bareefi barsiifateen buluu bare kun cunqursaaf harka kennuu dide. Keessumaa waggoota muraasaan asitti ajjeechaan, hidhaan, biyyaa baqachuufi qaamaa hir’achuun daran mul’ata. Haata’u malee, Oromoon dhiibbaa isarra ga’u tole jedhee hin fudhanne. Gariin barreessuun, gariin ammoo wallisuun diddaa isaa mul’isaa har’a gaheera. Qabsoo diddaa cunqursaa warraaqsa Oromoo keessatti ammoo asoosamoonni “Yaadaniifi Arraa Gurbaa!” waan ga’ee qaban fakkaatu. Asoosamoota kana lamaan irratti ammoo qorannoon yoo geggeeffame dubbistoonni caalaatti hubachuu danda’u. Itti dabalees guddina ogbarruu Oromootiif shoora ni qabaata; Kuusaa ragaa ta’ee ni tajaajila; Siyaasa Oromoorratti namoota qorannoo adeemsisaniif karaa saaqa; Namoota kennaa asoosama barreessuu qaban kallattii itti argisiisa. Ka’umsi koo inni guddanis kanuma ture. Kanarraa ka’uun qorannoon kun yaaxina fayadamummaarratti hundaa’uun kan gaggeeffame yoo ta’u, kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon asoosama, “Yaadaniifi Arraa Gurbaa!”, jedhaman ija walqabatinsa siyaasa Oromoon xiinxaluudha. Nanfakkiiwwan garee hawaasaa asoosamoota madda raga ta’ii filataman keessatti haala dhimmoonni bulchiinsaa, siyaasaa, dinagdee, afaanii, aadaa, amantaa, hawaasummaafi ilaalcha sanyummaafi akkaataa jiruuf jireenya hawaasa Oromoo keessatti xiinxlamaniiru. Kana galmaan ga’uuf maloota jiran keessaa mala xiinxala barruutti dhimma bahuun asoosamicha gadi fageenyaan dubbisuun odeeffannoo barbaachisu funaaneera. Odeeffannoowwanis toora tooraan xiinxalamaniiru. Adeemsa xiinxaluu kana keessattis, yaadoonni asoosamicha keessatti ka’an haala qabatamaafi haqa ture waliin hagam akka wal simatan xiinxalamaniiru. Asoosama madda raga ta’an kana keessatti akkaataan odeeffannoon itti dhihaate dhugummaafi kalaqamummaa jiddu galeeffatee kan dhiyaate ta’uun ibsameera. Kanuma waliin wal qabatee rakkoowwan hawaasa Oromoorraa kallattii garaa garaan ga’aa turan karaa qabatamaafi hubatamuu danda’aniin hojiilee qorannoo kanaa keessatti karaa fakkaattota garee hawaasaa mul’ataniin maalummaan isaanii kan walitti dhihaatan ta’uu hubatameera. Egaa qorannoo kanaan dhimmoota siyaasaafi sirna bulchiinsa Oromoo asoosamoota kunneen keessatti mul’atan kun bu’uuraan maalirraa maddan isa jedhu karaa fakkaattota garee hawaasaa addaan baasuuf gama amantaa, gama bulchiinsaa, gama afaaniifi aadaan walcina qabuun dhimmoota bu’uuraa kaasuun ilaaluuf yaaleera. Maddi rakkooleefi wantoonni fala ta’an xiinxala kanaan dhiyaataniiru. Fedhiifi hawwiin Uummata Oromoo karaa fakkaattota garee hawaasaa ifa ba’eera. Uummanni Oromoo tokkummaafi waldhaga’uu dhabuurraa kan ka’e harka halagaan miidhamaa akka ture karaa fakkaattotaa ifeera. Haqni bakka olaanaa qabachuu karaa fakkaattota garee hawaasaa asoosama kana keessatti eeramanii ibsameera.

Description

Keywords

Citation