Qaaccessa Beekkumsa Horsiisaafi Guddisa Farda Oromoo Goodina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa

dc.contributor.advisorXilahuun Taliilaa (PhD)
dc.contributor.authorAdaraa Dhugumaa
dc.date.accessioned2025-07-29T13:17:58Z
dc.date.available2025-07-29T13:17:58Z
dc.date.issued2024-02-05
dc.description.abstractQorannoon kuni mataduree Farda Jiddaa:Qaaccessa beekumsa horsiisaafi guddisa Farda aanaa Jiddaa jedhu irratti qoratame.Ka‘umsi qorannoo kanaa, Oromoon bal’inaan horsiisa looniif beekumsa qabaatullee, beekumsi horsiisaafi guddisa Fardaa garuu bakki horsiisa Fardaa murta’aa waan ta’eef, fayyadamni isaa beekamaa miti. Beekumsi kun,Warra Jiddaa kan aadaa horsiisaafi kunuunsuu Fardeenii qabu birattillee daanga’adha. Kanarra ka’uun mata duree beekumsa horsiisaafi guddisa Farda aanaa Jiddaa jedhu irratti qorannoo hojjachuun ka’umsa ta’eera.Kaayyoon gooroo qarannoo kanaa, hawaasni Oromoo aanaa Jiddaa Beekumsa horsiisaa fi guddisa Fardaa irratti qabu qaaccessuudha.Qorannoon kun gosa qorannoo qulqulleeffataa ta’ee,mala akkamtaa fayyadame.Iddatteessuu qorataan fayyadame, mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala Akkayyooti. Maanguddoota 15 kanneen horsiisaa fi guddisa Fardaa irratti muuxannoo qaban irraa ragaan Afgaaffii, DaawwannaafiMariigareetiinfunaannameera.Argannoon: Farda horsiisuun beekkumsa akka barbaadu bira gaa’ameera.kunuunsi Fardaa eessa akka ta’e bira gaa’meera.Sadarkaan Fardaa,dhukkubni Fardaa fi qorichi Fardaa addaa baafameera. Safuun Fardaa kennamuufi kabajni namni Farda qabu argatu ibsameera. Akkasumas,namniakka dhala isaatti Fardaan waammamuun beekkameera. Namni Farda qabu akka nama qabeenya hunda qabuutti ilaallamuunhubatameera. Hanqinoota mul’tan:Dhaloonni yeroo ammaa Fardaaf, xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu, kunuunsi Fardaaf taasifamaa jiru, gadi bu’aa jiraachuu,qorichi Fardaa kan aadaa aanicha keessaa badaa kan jiru ta’uu,sanyiin Fardaa gaarii ta’e badaa jiraachuu, Farda Sadarkaa isaatin eeganiileenjisuun, kan hafeeru ta’uu. Akkasumas, nyaata Fardaa addabaasanii akka yeroo barbaaddame argamuutti oomishaa jiraachuu dhiisuufiFarda aanaa Jiddaa gara turizimiitti ceesisuuf, bulchiisni aanichaa sochii waliitti fufaa taasisuu dhiisuunadda baafameera
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/5701
dc.language.isoen
dc.publisherAddis Ababa University
dc.titleQaaccessa Beekkumsa Horsiisaafi Guddisa Farda Oromoo Goodina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Qorannoo Adaraa Dhuma.pdf
Size:
2.02 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: