Qaaccessa Sirna Raawwii Adeemsa “Boojina Ba’uu” :Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Anaa Amuruu Irratti Xiyyeeffate
dc.contributor.advisor | Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Dirbabaa, Margaa | |
dc.date.accessioned | 2019-04-17T07:15:20Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:26:27Z | |
dc.date.available | 2019-04-17T07:15:20Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:26:27Z | |
dc.date.issued | 2018-08 | |
dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa “Qaaccessa sirna raawwii adeemsa boojina ba‟uu keessatti Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu “ jedhu keessatti haalli sirnicha keessatti maal akka fakkaatuufi sirna raawwii sanaa qaaccessuudha.Kaayyoo kana galmaan gahuufis mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahee jira. Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee ,daawwannaa ,suuraa kaasuu ,waraabbii sagalee,afgaaffii hin caaseffamneefi marii garee xiyyeeffatamaa yaadannoo dirreetiin funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru bu‟uuruma kanaan Aanaa kana keessatti ganda Wolqixee keessatti yoomessa nam-tolchee uumuun bakka sanatti argamuun daawwachuun ,ragaaleen karaa maloota funaansa odeeffannoo armaan oliin guuraman qaacceffamaniiru. Qorannoo kana gaggeessuuf gosa qorannoo keessaa kan dhimma itti ba‟ame qorannoo ibsaati. Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti hojiirra oolee jiru mala iddatteessuu miti-carraa kan ta‟e iddatteessuu akkayyooti .Mala kanatti fayyadamuun odkennitoota qorannoo kanaa kan ta‟an uummata Oromoo Aanaa Amuruu gandoota digidamii –afur jiran keessaa gandoota kudha-lama keessaa maanguddoota adeemsa sirna raawwii boojina ba‟uu irratti muuxannoo olaanaa qaban namoota kudha-lama marii garee irratti hirmaachuun kanneen boojina walba‟anii jiran dhiira sadiifi dubartoota sadii afgaaffirratti namoota odeeffannoo waa‟ee aanichaa kennan dhiira sadii waliigala namoota digidamii-tokko kan ta‟ani itti gargaarameera .Ragaalee qaacceffaman kanarraa argannoon biraga‟ame namoonni boojina walba‟an hawaasa naannichaa biratti obbolaan jedhamuuf ulaagaa sirni boojina ba‟uu keessa darbamuu qabu hunda keessa darbuun ergaa sirnicha keessa jiru qooda fudhachuu qabu.Kunis,sirnichaan dura,sirnicharrattiifi sirnichaan booda kan raawwataman kanneen akka,eebba, kakuufi waadaa gochoota sirna kakuu waliin walqabatan ,meeshaalee achi keessatti barbaachisaniifi ergaa achi keessatti darbu kana hunda raawwachuu qabu. Aadaa hawaasichi yeroo dheeraaf dhimma itti ba‟aa ture kun sababa garaagaraatiin dagatamaa akka jiru bu‟aan qorannoo kanaa ni mul‟isa.Haaluma kanaan yaaxxinni ittiin gaggeeffamees yaaxxina aadaa hawaasaati. Akkasumas sirna aadaa sanaan walqabatee raawwaturratti haala sirnichi ittiin gaggeeffamullee dagatamaa jira. Sababoonni kunneenis,aadaafi amantaan akka waan wal dhiibutti fudhachuu,dhaloonni si‟anaa ammayyummaan liqimsamanii aadaa dagachuudha. Kanaafuu, maanguddoonni Oromoo qorattoonni aadaafi seenaa ,dargagoonni Oromoo ,abbootiin amantaa akkasumas,ittigaafatamummaa eenyummaafi lammummaa kan qabu hundi waliin ta‟uun aadaan kun dhaloota dhufuuf akka darbu gochuun barbaachisaadha kan jedhu yaboo qorannoo kanaati. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17972 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.title | Qaaccessa Sirna Raawwii Adeemsa “Boojina Ba’uu” :Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Anaa Amuruu Irratti Xiyyeeffate | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |