Xiinxala Walsimannaa Qabiyyee Kitaaba Barataa Afaan Oromoo, Moodeela Bara 2008fi Qormaata Biyyooleessaa Kutaa 10ffaabara 2008

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kana walsimannaa qabiyyee kitaaba barataa, moodeelaafi qormaata biyyooleessaa kutaa 10 bara2008 xiinxaluudha.Kanaaf meeshaaleen ragaan ittiin sassaabame sakatta’insa sanadaafi afgaaffii yoota’u, ragaa kanneeniin sassaabame qaacceessuuf malli makaa( hammamtaafi akkamtaan) faayidaa irra oolanii jiru.Ragaalee gabateen dhiyeessuun dhibbeentaafi lakkoofsaan tarreeffamanii jiru.Bu’aan qorannoo ragaalee irraa argame akka ibsuutti bara 2008 qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa dhiyaatan walsimannaa qabiyyee kitaabaa wajjiin qaban yemmu ilaallu qormaanni moodeelaafi qormaanni biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa kutaa9ffaafi 10ffaa wajjiin walsimannaan isaa,walgitiinsaa qabiyyee fi bakka bu’ummaa qabiyyee kan qabu miti. Kana jechuun kitaaba barataa irratti xiyyeeffannoo olaanaa kan argate dandeettii dubbisuu yoota’u, qormaata biyyooleessaafi moodeelaa irratti garuu caasluga dha. Karaabiraatiin qabiyyee dandeettiiwwan afaanii (dubbachuu, dhaggeefachuufi barreessuun) kitaaba barataa irratti uwwisni kankennameef yoo ta’u, qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti gonkumaa kan hinjirredha.Kanaafuu qormaanni moodeelaafi biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa wajjiin walsimannaa qabiyyee hin qabu. Akka yaada furmaataatti qorattuun eerte qabiyyeewwan kitaaba barataa irratti xiyyeeffannoo olaanaa qaban baay’inni gaaffiiwwan qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti bahaniin walsimachuu akka qabaniifi qabiyyeewwan dandeettii afaanii (dubbachuu, dhaggeeffachuufi barreessuu) hojiirra oolchuuf rakkisa ta’us, qophaatti barataaf dhiyaachuun qabxii qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti ida’amuun osoo kaahamee jetti.Gama biraatiin walsimannaan qormaata moodeelaa fi biyyooleessaa yoo ilaalle qabiyyeen uwwisa argate irra caalaatti walfakkaatu. Haata’umalee qormaata biyyooleessaa irratti qabiyyeewwan argaman tokko tokko kan qormaata moodeelaarratti hin jirree dha. Qabiyyee gaaffii qormaatarra hinjirre tokko tokko, guutuumaan guutuutti qormaata biyyooleessaarratti qophaa’ee kennamee filatamaa dha.

Description

Keywords

Citation