Geerarsa Caalaabultumee(2008):Qaaccessa Diddaa Maastar Pilaanii Gama Fayyadama Afaaniitiin

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa Geerarsa Caalaa Bultumee 2008 diddaa maastar pilaanii gama fayyadama afaaniitiin qaaccessuudha. Qorannichis fayyadama afaanii diddaa geerarsa maastar pilaanii keessaa irratti xiyyeeffata. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf meeshaaleen elektiro daata funaansa ragaa waraabbii sagalee kanneen akka kaasseettiifi siidii sagalee waraabbamee jiru gara barreeffamaatti jijjiruun kaayyoo qorannichaa akka galmaan ga’anitti mata duree adda addaatti qooduun mala akkamtaan qaacceffamani jiru. Kunis qorannoo geerarsa Caalaa Bultumee 2008 diddaa maastar pilaanii fayyadama afaaniitiin walqabatanii jiran,fayyadama afaanii,ergaa fayyadama afaaniifi eenyummaa ibsan qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Kunisfayyadama jechootaa: irra deddeebii jechaa, jechoota waliin deeman,masoofi faallaa, malleen dubbii: nameessa, akkasaa, arbeessaafi ciigoo: jecha dacha fayyadama afaanii keessatti kan ilaalaman yoo ta’u, ergaa fayyadama afaanii geerarsa keessatti immoo: kakaasuu, balaaleffachuu, goota faarsuu, seenaa yaadachiisuufi eenyummaa lafaa falmuuf yommuu ta’u, eenyummaa daangaa naannoo Oromiyaa ibsuu keessatti immoo eenyummaa ijaaruu: abbummaa, seenessaafi tokkummaan eenyummaa ibsuu keessatti kan ittiin qaacceffamaniidha.Geerarsa Caalaa diddaa maastar pilaanii, tokkummaa ummattoota Oromoo ni cimsa, jaalala walii hawaasaa ni agarsiisa, gootummaa ummataa kennuu, walkabajuu ni guddisa, jaalalaafi gabrummaaf jilbeeffachuu diduu barsiisuuf gahee ol aanaa qabaachuun isaa qorannoo kanaan bira ga’ameera.Ergaa fayyadamni afaanii geerarsa keessatti qabu hawaasa kakaasuu, balaaleffachuu, faarsuu, seenaa yaadachiisuu, falmuufi tokkumma isaanii cimsuu keessatti ga’een fayyadama afaanii olaanaa ta’uun bira ga’ameera. Fayyadama afaaniin uummanni tokko akka diddaa, jaalala, jibbaafi fedhii mataa ofii akka ibsatan beekanii ummata bal’aa fayyadama afaanii caalatti barsiisuufi jajjabeessuun gahee nama hundaa ta’uun barbaachisaadha. Geerarsichi fayyadama afaanii giddu galeeffatee xiinsammuu namaa, aadaa hawaasa bal’aa kabajuufi kabachiisuu irratti hubannoo hawaasaa kan cimsuufi babal’isu ta’uun isaa qorannoo kana keessatti iddoo olaanaa qaba.Haaluma kanaan qorannoo kana boqonnaawwan shanitti qooduudhaan mata dureewwan gurguddoo kanneen akka ka’umsaa, kaayyoo, barbaachisummaa, daangaa mala qorannichaa,qaaccessa qorannichaa, argannoofi yaboo qorannichaa qabachiisuudhaan qopheessuu yaaleera.

Description

Keywords

Citation